Ayyaannichi agarsiistuu dilbii aadaa fi duudhaa Itoophiyaanotaati-Afyaa’oota N/Gidduu Galeesssaa

You are currently viewing Ayyaannichi agarsiistuu dilbii aadaa fi duudhaa Itoophiyaanotaati-Afyaa’oota N/Gidduu Galeesssaa

AMN PLUS- Sadaasa 06/2018

Afyaa’iin Mana Maree Naannoo Gidduu galeessaa Itoophiyaa Aadde Faaxee Saarmoolloo fi Afyaa’iin Mana maree saboota, sablammoota Naannichaa Obbo Abbuttoo Allitoo waloon ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Guyyaan ayyaana saboota, sablammootaa fi uummattoota garaagarummaa keessatti miidhagina fi tokkummaa keenya itti mul’isnuudha jedhan Afyaa’iin Mana maree Naannoo Gidduu galeessa Itoophiyaa Aadde Faaxee Saarmoolloo

Seenessi Waloo Ijaarsa biyyaaf akka oluu kan ittiin mirkaanessinuu dha jedhaniiru.

Ayyannicha sababeeffachuun Pirojektonni hojjetamaan Carraan hojii kan uuman, aadaan pirojektoota jalqabanii xumuruu qabatamaan kan itti mul’ateedha jedhan.

Gaaffii gurmaa’insaa waliin walqabatanii ka’anii turan erga deebi’aanii nageenni naannichaa amansiisaa ta’uusaa Adde Faaxee Saarmoolloo ibsaniiru.

Naannichi erga hunda’ee yeroo gabaabaa ta’uus hojiileen hojjetamaan kalaqaa fi saffisaan dabaalamaanii akkaataa gaaffii uummataa deebisuu danda’aniin hojjetamaa jira jedhaniiru.

Naannnoon Gidduu galeessa Itoophiyaa Saboota 10 kan of keessaa qabu yoo ta’u, waa gargar isaan taasisuu caalaa wantoota wal isaan fakkeessaan hedduudha jedhan Afyaa’iin Mana Maree Sabootaafj sablammoota Naannoo Gidduu galeesaaa Itoophiyaa Obbo Abbuttoo Allitoo.

Dilbi aadaa fi duudhaa qaban kan itti mul’isanii fi hariiroo obbolummaa itti cimsatan ta’uus eeran.

Hariiroo hawaasa gidduu jiru cimsuuf, federaalizimii fi sabdaneessummaarratti hubannoo uumuuf Ayyaannichi haga dakaatii jalqabee sirnoota garaa garaan kan kabajamuu ta’uu Abbutoo Allitoo ibsaniiru.

Mangashaa Daargeetu Gabaaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply