Mootummaan rakkoo dhiyeessi mana jireenyaa furuuf hojjechaa jira.

You are currently viewing Mootummaan rakkoo dhiyeessi mana jireenyaa furuuf hojjechaa jira.

‎AMN PLUS- Sadaasa 10/ 2018

‎Mootummaan rakkoo dhiyeessi manaa jireenyaa lammiilee  furuuf karaa innisheetivii mootummaafi abbootii qabeenyaatiin fayyadamaa taasisaa akka jiru ibsame.

‎Baadiyyaa fi magaalaa keessatti manneen jireenyaa heddumminaan ijaaruun rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa furamaa akka jirus ibsameera.

‎Mootummaan abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuun fedhii uummataa gama dhiyeessii mana jireenyaatiin yeroo gara yerootti dabalaa dhufe furuuf hojiileen hedduun akka hojjetames eerameera.

‎Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hosa’aanaa Obbo Saamu’eel Shugguxee akka ibsanitti, manneen ijaaruun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf  hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

‎Bulchiinsi magaalichaa  waldaalee gurmeessuun karaa qusannootiin liqii mijeessuun, lafa dhuunfaaf hayyama seera qabeessa kennuu dabalatee karaa adda addaatiin manneen hawaasaaf dhaqqabamaa taasisaa jiraachuus hubachiisaniiru.

‎Weerara lafa seeraan alaa to’achuu fi hordoffii barbaachisaa ta’e gaggeessuun lafti haala haqa qabeessa ta’een hawaasaaf dhaqqabamaa akka tahuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.

‎Bulchiinsi Magaalaa Hosa’aanaa abbootii qabeenyaa  damee misooma manneenii irratti  misoomsuu barbaadaniif waamicha dhiyeessaa jiraachuu beeksisuun,  kanaafis haala  mijataa  qopheessuu isaa odeeffannoon Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply