Fiigicha Guddicha Itoophiyaatif daandiiwwan cufaa ta’an ifooman

You are currently viewing Fiigicha Guddicha Itoophiyaatif daandiiwwan cufaa ta’an ifooman

‎AMN PLUS-Sadaasa 13/2018

‎Poolisiin Magaalaa Finfinnee fiigicha guddicha Itoophiyaa sadaasa 14/2018 yeroo 25ffaaf taasifamu ilaalchisee daandiiwwan konkolaataa cufaa ta’an beeksise.

‎Fiigicha kana irratti hirmaattonni biyya keessaa fi alaa, ambaasaaddaroonnii fi atileetotni affeeraman hedduun akka jiran kan ibsame yoo ta’u, ka’umsiifi xumurri isaa Addabaabayii Masqalaa akka ta’e ibsameera.

‎Fiigichi jalqabee haga xumuramutti daandiiwwan konkolaataa cufaa ta’uu qaban ibsuun, nageenya walootifis, hirmaattonni sakatta’iinsi akka jiru beekanii deeggarsa gochuu akka qaban poolisiin beeksiseera.

‎Haaluma kanaan daandiiwwan konkolaataa cufaa ta’uu qaban

‎- Addabaabaayii Olompiyaatii gara Addabaabaayii Masqalaa

‎- Addabaabaayii Xilaahuunirraa gara ibsaa tiraafikaa Saanjooseefitti

‎ -Ibsaa tiraafikaa Gamtaa Afrikaa irraa gara addabaabaayii Meeksikootti

‎- Ibsaa tiraafikaa Paarlaamaa irra gara marfata konsanitti

‎- Marfata Konsan irraa gara Gabri’eelitti

‎-Mana Rasaasaa irraa gara Gabri’eelii duuban

‎- Addabaabaayii dubartootaa irraa gara Kaasaanchisitti

‎- Adda baabaayii dubartootaa irraa gara Tootaal Kaasaanchisitti(Adda baabaayii dubartootaa)

‎ – Addabaabayii 22 irraa gara Addabaabayii Uraa’elitti

‎- Daandii Haaraa Piikook irraa gara Addabaabayii Uraa’elitti

‎- Addabaabaayii Gaazeeboo irraa gara Dambalittibal

‎- Qaxxaamura Mana Amantaa kiristaanaa Qiirqoos irraa gara ibsaa tiraafikaa Laga Haaritti

‎- Marfata Hospitaala Landmark irraa gara ibsaa tiraafikaa Hoteela Gannatitti.

‎- Gamoo jallataa irraa gara addabaabaayii Meeksikootti.

‎- ibsaa tiraafikaa Gamtaa Afrikaa irraa gara Addabaabayii Meeksikootti

‎- Ibsaa tiraafikaa Farasanyaa irraa gara dirree Caffeetti

‎-Qaxxaamura Mollaa Maaruu irraa gara qe’ee Geejjaatti

‎- Addabaabaayii Mana Murtii Ol’aanaa irraa gara Addabaabayii Meeksikootti

‎- marfata Sangaa Taraa 40/60 irraa gara ibsaa tiraafikaa Sangaa Taraat

‎- Ibsaa tiraafikas Gommaa Quxxabaa irraa gara Tiyaatira Biyyoolessaatti

‎- Marfata Meetirooloojii irraa gara ibsaa tiraafikas mana Poostaatti

‎- Sheelii Hospitaalaa leenca gurraachaa irraa gara Immigireeshiniitti

‎- Qaxxaamura Mana Amantaa Mikaa’elaa Gollaa irraa gar Immiigireeshiniitti

‎- Addabaabaayii Teediroos irraa gara ibsaa tiraafikaa Masaraa Mootummaatti

‎Dilbata barraaqa sa’aatii 11:30 irraa eegalee haga fiigichi xumuramutti daandiiwwan armaan olitti ibsaman akka cufaman eeruun, Sambata xiqqaa sa’aatii 12:00 irraa eegalee daandiiwwan kanneen irratti yeroo gabaabaas ta’e yeroo dheeraaf konkolaataa dhaabuun akka hin danda’amne Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

‎Tajaajila Poolisii argachuuf 011 1110111 yookiin sarara bilbilaa bilisaa 991 irratti bilbiluun akka danda’amu Poolisiin beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply