Dhaabbata Maltii Miidiyaa Bashaatuu Tolamaariyaamiin kan qophaa’u Badhaasni Odaa 9ffaan Sadaasa 30, 2018 akka gaggeeffamu ibsame.
Badhaasichi kan kanaan duraarraa haala adda ta’een damee muuziqaa qofaarratti akka xiyyeeffatu eerame.
Badhaasa kana irratti keessummoonni biyyoota Afriikaa 12 irraa akka argaman Gaazexeessituu Bashaatuu Tolamaariyaam ibsiteetti.
Kana dura kaadhimamtootaaf %70 abbootii murtii %30 ammoo uummataan filannoon taasifamaa turuu himuun bara kana garuu guutummaan guutuutti kaadhimamtoonni sagalee dinqisiifattootaa qofaan kara marsariitii Odaa Awardiin kennamuun dorgomu jedhameera.
“Oda Award” barana damee 6’n dorgomtoota akka badhaasu Gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaa eeruun, duraan badhaasa damee Baha Afriikaa irratti kennu “East African Super Star” gara guutummaa Afriikaatti guddisuu eereera.
Badhaasicha irratti damee “AFRICAN SUPER STAR” biyyoota 12 irraa (Ruwaandaa, Maalii, Morookoo, Angoolaa, Gaanaa, Madagaaskaar, Keeniyaa, Jibuutii, Siishels, Toogoo, Sudaan Kibbaafi Yugaandaarraa) ni morkatu.
Sirni badhaasichaa Giddugala Konveeshinii Idil-addunyaa Addisitti akka geggeeffamu eerameera.
Tagany Bafiqaaduutu gabaase