Fayyadamummaa damee tuurizimii gama hundaan mirkaneessuuf hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetamaa akka jiru Hoggantootni Paartii Badhaadhinaa misooma Magaalaa Finfinnee daawwachaa jiran ibsan.
Hoggantootni Paartii Badhaadhinaa Sadarkaa Federaalaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Paarkii Irreechaafi Araadaa, akkasumas Hospitaala Zawudituufi Godahambaa Saayinsii kan daawwatan yoo ta’u, “jijjiiramni gama hundaan magaalattiin agarsiisaa jirtu fakkeenyummaa guddaa kan qabudha” jedhaniiru.
Hojiiwwan misooma kunneen hundi fayyadamummaa damee tuurizimii daran kan guddisan ta’uus dubbataniiru.
”Hojiiwwan misooma Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman hunduu fayyadamummaa damee tuurizimii sirritti ni guddisa” jedhaniiru.
Bulchaa Nagaraatu gabaase