AMN PLUS – Sadaasa 29/2018
Kaffaltoota gibiraa Magaalaa Finfinneerra komii hoj-maataan walqabatee yeroo gara garaa ka’u furuuf Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee torbee darbe murtoowwan gurguddoo lama hojiirra oolcheera.
Sadaasa 25 irraa kaasee gareen walabaa komii kaffaltoota gibiraa dhaggeeffatuufi furmaata laatu Waajjira Kantiibaatiin hundaa’uun yeroo mara kamisa ganamarraa kaasee tajaajila akka kennu murtaa’uun hojii eegaleera.
Gama biraanis Roobii Sadaasa 24 irraa eegalee uffata dambii ogeeyyii sassaabbiifi to’attoota galii irratti kaameraan akka hidhamu Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee murteessee hojiitti galcheera.

Maarree murtoowwan kunneen maal kaayyeffatan? komii kaffalaa gibiraa akkamiin fura? Guddina biyyaaf hoo shoora akkamii qaba?
Finfinneen galii bara 2011 birrii biiliyoona 39.19 ture bara 2017 gara birrii biiliyoona 233tti guddisteetti.
Bulchiinsi magaalichaa guddina galii kanaaf dhaabbileefi namoota amanamoo gibira isaan irraa eegamu osoo hin hanqisin yeroon kaffalaniif beekamtii waggaa waggaan kenna. Maarree komii isaaniis ni dhaggeeffata.
Hojimaatni teekinooloojiin deggarame kun komii kaffaltoota gibiraa furuuf riifoormii hojii irra oole akka ta’e Hogganaan Biiroo Galiiwwanii Finfinnee Obbo Biiniyaam Mikiruu beeksisanii turan.
Haaluma kanaan, hojjettoonni waajjira Galiiwwanii Kutaa Magaalaa Boolee yuunifoormii kaameraan itti hidhame uffatanii hojjechaa akka jiran Itti Gaafatamtuu Waajjirichaa Aadde Faaxumaa Hasan turtii AMN Dijitaal waliin taasisaniin himaniiru.

Daldalaan naga’ee kutuufi dhiisuu adda baasuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Ogeeyyiin sassaabbii galii naamusaafi haqummaan hojjachuu isaaniis beekuufillee akka fayyadu kaasaniiru.
To’annoo galii naga’een hordofamuun hojjetaa osoo daldalaan naga’ee kutaa jiruu, ‘hin kunne’ jedhuufi kafalaa gibiraa naga’ee osoo hin kutin ‘kaffaleera’ jedhu gidduutti dhugaa jiru kaameeraa kana irraa ilaaluufi waliin dubbiin taasisan dhaggeeffachuun deebii kennuuf faayidaa guddaa akka qabu himaniiru.
Maqaa waajjirichaatiin qaamonni biroon daldalaa maallaqa gaafatan waan jiraniif, daldalaan ogeessaa addan baafachuuf waan itti ulfaatuuf, rakkoo guutummaatti waajjira komachuu akka hambisuuf ibsaniiru.

Akka Waajjira isaaniitti ogeeyyiin teekinooloojii kanaan tajaajila kennuu erga eegalanii torban tokko ta’uu eeranii, “hojmaatni kun kan duraa caalaatti iftoomina uumeera” jedhaniiru.
Galiin sassaabbamu harki caalu misooma magaalaaf waan ooluuf galiin sirnaafi haqa qabeessummaan akka sassaabamu qaamoleen hunduu gahee isaanii akka ba’atan ergaan darbeera.
Daraartuu Tarreessaatu qindeesse