Gaazexessaa V. Puutin fuulduratti kaadhimaa isaaf “Natti heerumtaa” jedhee tamsaasa kallattiin gaafate

You are currently viewing Gaazexessaa V. Puutin fuulduratti kaadhimaa isaaf “Natti heerumtaa” jedhee tamsaasa kallattiin gaafate

AMN PLUS- Mudde 11/2018

Jaalalleewwan wal kaadhimmatan yeroon hiriyummaan dabarsan akka gahe yeroo murteessan, gaaffii gaa’ilaa dhiyeessuuf carraawwan garaa garaatti dhimma ba’uu malu.

Bakka seena qabeessa, hawwata tuuristii ibsama jaalalaa ta’e, reesturaantii beekamaa ykn bakka gaaffii gaa’ilaa kanaaf mala jedhanitti, kaadhima isaanii gaaffii hin eegamne kana kaasuun ajaa’ibsiisu, namoota naannawa sana jiraniin illee dinqisiifatamu, yaadannoo jaalalaa bara baraa kaa’atu.

Gochi ajaa’ibsiisaa gaazexessaa Raashiyaa, Kiril Bajaanov kaleessa galgala taasises ajaa’ibsiisaadha.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, qophii tamsaasa kallattii “TV Marathon” jedhamu, fiigicha dheeraa maaraatoonii dachaa lama caalu irratti, dhimma nageenya naannawaa, addunyaafi dhimmoota biroo irratti dubbachaa jiru.

Qopheessaan qophichaa Istiivi Roozanbarg, gaaffilee miliyoona 3 Puutiniif dhiyaatan keessaa filee dhiyeessuuf muddamatti osoo jiruu, jidduutti gaazexessaan Bajaanov jedhamu, sagalee guddistuu fudhatee ol kaasee dubbachuu eegale.

Namootni tamsaasa kallattii hordofaniifi mana mana isaanii hordofaa jiran, gurra isaanii ergisaniif.

Puutin fuulli isaanii hogguu mara seeqaas gara isaa ilaalan. Amma waltajjiin keeti, akka jechuuti.

“Gaa’ila raawwachuun barbaada. Olgaa, tamsaasa kallattiin ibsa kennamaa jiru kana hordofaa akka jirtu nan beeka.” Jedhe.

Hordoftootni hunduu harka walitti rukutaniif. Puutin tarsiimoo alaafi muuxannoo jaalalaa isaanii qooduutti yoo deebi’an, ammas rukuttaan harkaa istuudiyoo kana guute. Puutin haasaa isaanii ammas jidduutti addaan kutuuf dirqaman.

Olgaanis bakka jirtuu kallattiin seenuun “Tole, gaaffiikee simadheera, sittin heeruma” jetteen, ammas galmi rukuttaa harkaafi gammachuudhaan guutame.

Puutin, sirna gaa’ilaa Bajaanov fi Olechikaa irratti affeeramaniiru. “Cidha keessan irratti argamuu hin danda’u. Garuu, baasii cidhaa hunda nan haguuga” jechuun gammachuu kaadhimmanii dacha taasisan.

Bajaanov haalli jireenyaa ulfaachuu gaaffii kaasaa tureef Puutin hin mufanne. Cidha isaa miidhagsuuf waadaa seenaniifi, gaaffiifi deebiin xumuraa Puutin bara faranjootaa kanaaf isa xumuraan taasisan, jalqabbii baraa cimdiiwwanii ta’uuf akka jiru AFP’tu gabaase.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply