Magaalaa Finfinneetti misoomaaf jiraattonni bakka jireenyaa jijjiirratan, manneen jireenyaa qofa osoo hin taane carraan hojii uumameefi hojiiwwan adda addaa irratti boba’anii akka jiran ibsaniiru.
Isaanis carraa uumameef kanatti gammmaduu isaanii AMN PLUS tti kan himan yoo ta’u, “Waan hundi akka gaafa nuti achii kaanu yaaddofne miti” jechuun ibsaniiru.
Imalli misoomaa magaalaa Finfinnee miidhagduufi hawwattuu taasisuuf eegalame magaalattiin fakkeenya magaalota Afiriikaa biroof akka taatu taasisee jira.

Kaafamtootni misoomaa jireenyaaf bakka mijataa akka argatan taasisuun ibsameera.
Birbirsa Gooroo irraa ka’uudhaan kutaa magaalaa Nifaas Silkiitti bakka jireenyaa mijataa qophaa’eef keessa jiraachaa warreen jiran gammadoo ta’uu himaniiru.
”Piyaassaa yeroo turetti mana fincaanii waliinii fayyadamna turre. Bakka itti dhalannee guddanee waan ta’eef malee jireenyaaf mijataa miti” jechuun, “bakki ciisichaafi bakki itti nyaata bilcheefatan tokkuma ture” kan jedhan kaafamtoota misoomaa keessaa tokko kan ta’an Koloneel Ahimad Mahaammadidha.

Itti dabaluunis, ”Manni inni amma nuuf kenname kutaalee adda addaa kan qabuufi ibsaa fi bishaan hunduu kan dhuunfaa keenyaa waan ta’eef nama waliin wanti walitti nu buusu hin jiru, jireenya hawaasummaan qofa walitti dhufna” jedhan.
Aadde Nabiyaat G/ Maariyaam, manni kennameef sadarkaa isaa kan eeggate waan ta’eef gammaduu isaanii ibsuun, “duraan dunkaana hidhadhee hojjechaa kanan ture asitti ammoo konteeyinara naaf kennanii, hojii kiyya hojjechaan jira” jette.
Akkasumas, ijoollee kaafamtoota misoomaaf bakki yeroo mana barumsaatii galan itti bashannananiifi ispoortii itti hojjatan mijeeffamuu dubbataniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin