Magaalaa Finfinneetti hanqina mana jireenyaa furuuf, saayitoota 18’tti hojiin ijaarsaa jalqabamuu isaa Hogganaa Itti Aanaan Waajjira Misoomaafi Bulchiinsa Manneen Jireenyaa Magaalaa Finfinnee Injinar Makonnin Miijeenaa ibsan.
Hojii ijaarsaa kanas Waajjirichi Korporeeshinii Misooma Manneen Jireenyaa waliin ta’uun akka jalqaban dubbataniiru.
Kanaan dura ijaarsi waggaa 6 hanga 8 fudhatu ture amma ji’oota 6 keessatti xumuruun akka danda’ame ibsaniiru.

Kontiraaktarootni, gorsitootni, ogeeyyiin waajjirichaa fi korporeeshinichaa saayitii irratti argamuun aadaa hojii jijjiiruun sa’aatii 24/7 hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.
Jiraattota galii gadi aanaa argataniif xiyyeeffannoo kennuun, manneen gatii gadi aanaan eegaluun manneen kiraa fi manneen deggarsa mootummaa guddaa qaban dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
“Kana dura, saayitootni erga xumuramanii booda bu’uuraalee misoomaa diriirsuun aadaa ture” kan jedhan Injinar Mokonnin, amma garuu sadarkaa bulchiinsa magaalaatti gurmaa’insa (cluster) bu’uuraalee misoomaa hundeessuun seerri qophaa’ee gara hojiitti seenamuu kaasaniiru.
Kanaanis, bu’uuraaleen misoomaa ijaarsa manneenii wlaiin diriirfamaa akka jiran ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin