‎Meeshaaleen Kontiroobaandii tilmaamni gatii isaanii Birrii Biiliyoona 14 ol to’atamuu ibsame

You are currently viewing ‎Meeshaaleen Kontiroobaandii tilmaamni gatii isaanii Birrii Biiliyoona 14 ol to’atamuu ibsame

‎AMN PLUS- Amajjii 02/2018

‎Komishiniin Poolisii Federaalaa Itoophiyaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun meeshaalee kontiroobaandii tilmaamni gatii isaanii Birrii Biiliyoona 14 fi Miliyoona 51 ol ta’an to’achuu akka danda’e Komishinarri Jeneraalaa Itti Aanaa Komishinichaa Malaakuu Fantaa ibsan.

‎Meeshaaleen kunneen namoota shakkaman 729 waliin to’annoo jala kan oolan yoo tahu, kunis baatiiwwan darban jahan keessatti akka to’ataman beeksisaniiru.

‎Dabalataanis, Komishanrri Jeneraalaa Itti Aanaa Malaakuun akka jedhanitti, “hojii ittisa godaansa seeraan alaa irratti hojjetameen namoonni 1,612 gara naannoo isaanii akka deebi’an taasifamaniiru.”

‎Akkasumas, namoonni godaansa seeraan alaa irratti hirmaatan 41 to’annoo jala oolanii qorannoon irratti adeemsifamaa jiraachuu kaasaniiru.

‎Poolisiin Federaalaa, naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti gareewwan finxaaleyii hidhatanii socho’an sochii isaanii danquun, akkasumas naannolee Kibbaa, Gaambeellaa, Affaar fi Somaalee keessatti walitti bu’iinsa uumame to’achuudhaan gahee guddaa taphachuu akkasuma ibsaniiru.

‎Gama biraan, Itoophiyaatti dhaabbilee gurguddoo fi indastiriiwwan 625, akkasumas pirojektoota misoomaa biyyaalessaa eeguudhaan bu’aa gaarii galmeessisuu dubbataniiru.

‎Magaalota adda addaa keessatti taateewwan idil-addunyaa, Afrikaa fi biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuraman taasifamuu himaniiru.

‎Fuulduratti, yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa dabalatee sirnoota gurguddoo, ayyaanota amantaa fi uummataa akkasumas filannoo biyyaalessaa 7ffaa nagaan akka adeemsifamuuf, Poolisiin Federaalaa leenjii gahumsaa kennuu fi qophiilee gahaa ta’an taasisaa jiraachuu ibsa Komishinichi AMN’f ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply