Guddina saffisaa Finfinnee waliin qixa deemuuf cimnee hojjanna- Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii

You are currently viewing Guddina saffisaa Finfinnee waliin qixa deemuuf cimnee hojjanna- Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii

AMN PLUS- Amajjii 5/2018

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Raawwii Hojii baatii Jahan darbanii qorataa jira.

Hoji-Gaggeessaa Olaanaan Abbaa Taayitichaa Kumaalaa Zarihuun Tafarraa Ergama isaanii sirnaan bahuuf rawwattoota Kuma 6 ta’aniif leenjii kennuu eeranii dambiiwwan irrattis hawaasaaf hubannoo gahaa kennuu ibsaniiru.

Hirmaannaan qamolee siviilii dabaluufi tajaajila teekinooloojiin deeggarame kennaa jiraachuu akkasumas rakkoo bulchiinsa gaarii ture furuu danda’uu kaasaniiru.

“Raawwii baatii jahan darbaniin cabiinsa dambii magaalitti keessatti kanaan dura mudachaa ture dhibbeentaa 87’n hir’isuu dandeenyeera” jedhan Hoji-Gaggeessaa Olaanaan Abbaa Taayitichaa Kumaalaa Zarihuun Tafarraa.

Kumaalaa Zarihuun itti dabaluun, “Raawwii keenya qofatti quufne teenya osoo hin taane, gamaaggama keenya har’an rakkoon keenya eessa jiraa fi akkamiin furra kan jedhu irratti kallattii keenya” jedhan.

“Guddina saffisaa Magaalaan keenya itti jirtu wajjin wal qixa deemuuf cimnee ni hojjanna” jechuun dubbataniiru.

Bayyanaa Taaddasaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply