AMN PLUS – Amajjii 30/2018
Uumamni gonfoo miidhaginaa kan itti uwwise Kibbi Walloo piroojektii maaddiin dhalootaafin kabajaan kuulamtee faayamteetti jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa.
Qaama piroojektii maaddiin dhalootaaf jedhuu kan tahe Riizoortiin Haroo Loogoo Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n eebbifamee tajaajilaaf banaa taheera.
Bakki misoome kun fakkeenya waloomaa, jaalalaafi wal-danda’uu kan tahe uummata Waloof miidhagina haaraa turizimiifi humna misooma dabalataa tahu Obbo Tamasgeen ibsaniiru.
Riizoortichi qabeenya turizimii bal’aa Itoophiyaan qabdu misoomaan kan ibsinuufi daawwitii dabalataa Addunyaatti ittin agarsiisnuudhaas hubachiisaniiru

Obbo Tamasgeen Riizoortichi dargaggoota naannawaa piroojektichaaf carraa hojii uumuu, sosochii daldalaafi tajaajilaa dadammaqsuun humna guddina dinagdee biyyaa utubaas ibsaniiru.
Dabalataan duudhaalee, amantaalee, uumamaafi seenaalee naannawichaa beeksisuu keessatti bakka wal-geettii turistoota biyya keessaafi alaa tahuun akka tajaajilus Obbo Tamasgeen abdii qaban ibsaniiru.
Kennaa dilbii uumamniifi seenaan nuuf arjoome gara badhaadhina waloo keenyaatti fiduun aadaan hojii eegalle Itoophiyaa milkaa’inatti geessurra darbee gara ol-ka’iinsa ishee madaalutti ceesisuun itti fufa jedhaniiru.
Yaada Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n maddisiisaniin hawwata turizimii bakkeewwan garaagaraatti argaman baasuun uummata waliin milkaa’ina irratti milkaa’ina gonfachaa injifannoo caaluuf imaluu hin dhaabnu jechuun Obbo Tamasgeen toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.