AMN PLUS – Guraandhala 16/2018
Misooma Roga Maraa Finfinneetti Raawwatamaa Jiruun Misoomni Manneenii Xiyyeeffannoon Hojjetamaa Jiraachuu Kantiibaan Magaalatti Aadde Adaanech Abeebee Ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Karoora Bara Baajataa 2018 Manneen Kuma 100 Ijaaruuf Karoorfameen Ijaarsi Manneen Kuma 97 Saffisaan Raawwatamaa Jiraachuu Dubbataniiru.
Kantiibaa Adaanech Har’a Saayitiiwwan Ijaarsa Manneen 17 Keessaa Garjii, Tulluu Diimtuu, Galaan Gurraa Sadarkaa 1ffaafi 2ffaa, Aqaaqii Qaallittii (Warquu Safar) Akkasumas Giddu Gala Gabaa Nifaas Silki Laaftootti Maanneen Ijaaramaa Jiran Daawwachuu Ibsaniiru.
Hojiin Ijaarsa Manneenii Kanneen Biroos Dhawaataan Gamaaggamamaa Akka Deeman Kan Ibsan Kantiibaa Adaanech Piroojektootni Daawwataman Ijaarsi Isaanii Erga Jalqabee Baatiiwwan 6 fi 7 Tahus Aadaa Hojii 24/7’n Ijaarsi Isaanii Kutannoon Kontiraaktaroora Itoophiyaanota, Waldaalee, Gorsitoota, Hoggantootaafi Teeknoloojii Ammayyaan Tumsamuun Sadarkaa Gaariirra Jiraachuu Ibsaniiru.

Kunis Lammiilee Kuma 200 Caalaniif Carraa Hojii Kan Uume Yoo Tahu, Kontiraaktarootniifi Waldaaleen Hedduun Kakahumsa Hojii Namatti Toluun Hojjechaa Jiraachuu Kantiibaa Adaanech Ibsaniiru.
Karoorri Keenya Ijaarsa Manneenii Saffisiisuu Qofa Osoo Hin Taane Dizaayinii Irraa Eegalee Qulqullina Isaanii Bifa Eeggataniin Akka Ijaaraman Taasisuudhas Kan Ibsan Kantiibaa Adaanech, Kanaafis Yuunivarsiitiin Saayinsiifi Teeknoloojii Finfinnee Gorsaa Tahuun Nu Waliin Hojjechaa Jira Jedhaniiru.
Manneen Ijaaramaa Jiran Keessaa Kumni 50 Baajata Magaalattiin Ijaaramaa Kan Ijaaramu Yoo Tahu, Manneen Kumni 50 Hafan Ammoo Tumsa Mootummaafi Abbootii Qabeenyaa Dhuunfaan Ijaaramu Jedhameera.
Jijjiiramaan Dura Baajata Magaalaafi Waggaa Tokkotti Manneen Hangana Baay’atan Haa Turutti Haala Baratameen Liiqaa Baankiin Waggoota 5 Keessattillee Manneen Kumni 100 Ijaaraman Osoo Tahe Lammiileen Miiliyoonaan Lakkaa’aman Galmaa’uun Waggoota Dheeraa Mana Eeggachuus Tahe Idaan Baankii Birrii Biiliyoona 60 Caalu Kaffaluuf Rakkoo Tahe Mudatu Ture.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Manneen Ijaaramaa Jiran Guutummaatti Fedhii Jiraattota Magaalattii Deebisuus Baatan Rakkoo Dhiyeessii Mana Jireenyaa Bu’uura Irraa Furuuf Hojiin Eegalame Cimee Itti Fufa Jedhaniiru.