“Miirri injifannoo Adwaa har’as cimina nuuf ta’a” Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Miirri injifannoo Adwaa har’as cimina nuuf ta’a” Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Guraandhala 22/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen injifannoo Adwaa 130ffaa dargaggoota Finfinnee waliin bakka ka’umsa gootota Adwaa kan ta’e Yaadannoo Injifannoo Adawaatti marii Paanaaliin kabajuu ibsan.

Injifannoon Adwaa kan wareegamni dhiigaa fi lafee itti kaaffalame injifannoo seenaa addaati jedhan Aadde Adaanech Abeebeen.

Injifannoo ummata gurraachaa maraaf mallattoo ta’e dargaggoota waliin bifa ho’aa ta’een kabajuu ibsan.

Injifannoo Adwaarraa tokkummaa, gootummaa fi Cichoomina baranna jedhan.

Yeroo sanatti garaagarummaan siyaasaa jiraatus ummanni Itoophiyaa dhimma biyyaarratti tokkummaan weerartoota qaanessan jechuun eeran.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply