Nama Bara 1980 Faajjii Biyyaa Addunyaarratti Mirmirse, Atileet Waldee Roobalee Achi Buuteen Isaa Dhabame Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Akkamiin Arge?

You are currently viewing Nama Bara 1980 Faajjii Biyyaa Addunyaarratti Mirmirse, Atileet Waldee Roobalee Achi Buuteen Isaa Dhabame Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Akkamiin Arge?

AMN PLUS – Guraandhala 23/2018

Olompiikni Mooskoo isaaf Yaadannoo Addaa qaba. Bara 1980 bara Atileet Miruts Yufxar mootii itti ta’e, Tolasaa Qottuun fiigucha gufachiisaan Itoophiyaaf Meedaaliyaa jalqabaa argamsiise Atileet Waldee Roobalee qaama Garee Maaraatoonii ture.

Atileet Waldee Roobalee kan Dhalatee Guddate Giddu Galeessa Oromiyaa Shawaa Keessatti.

Carraaf Safuudha Malee Atileet Waldee Roobalee Ijoollummaatti Harmee Isaa Du’aan Of-Biraa Dhabuun Rakkinni Itti Wal Jijjiiraa Guddachuu Seenaa Durduubee Atileetichaatuu Dhugooma.

Reefuu Umrii Ijoollummaatti Hiyyummaan Isa Argachuun Cabee Hafa Jedhamus Atileetichi Seenaa Garaa Nama Nyaatu Keessatti Mul’ata Qabu Hojiitti Hiikuuf Baay’ee Dhama’e.

Umriin Hanguma Ol Siqe Jireenya Mo’achuuf Obboleessa Isaa Barbaacha Gara Finfinneetti Kan Qajeele Atileet Waldee Roobalee Carraa Atileetii Tahuuf Hawwu Akka Baasee Mul’isu Yeroo Argachuun Isaas Himameera.

Kun Ammoo Miseensummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Argachuun Akka Atileetii Tahee Jireenya Itti Fufuuf Carraa Saaqeeraaf Jechuudha.

Atileetoota Bara Mootummaa Dargii Keessa Maqaa Qabaachaa Turan Keessaa Tokko Kan Tahe Atileet Waldee Roobalee Seenaa Atileetiksii Itoophiyaa Keessatti Warreen Gara Fuulduraa Jedhaman Waliin Maqaa Waamamuun Abbabaa Biqilaafi Maammo Woldee Waliin Carraa Dorgommii Garaagaraarratti Hirmaachuu Argateera.

‎Dorgommiiwwan Hedduurratti Maqaa Kan Qabu Atileet Waldee Roobalee Keessattuu Fiigicha Fageenya Giddu Galeessaa Irraa Hanga Maaraatoonii Biyya Bakka Bu’uun Milkaa’uu Danda’eera.

Atileet Waldee Roobalee Meedaaliyaa Sadarkaan Garaagaraa Kennamuuf Dabalatee Waancaafi Badhaasa Adda Addaa Biyya Isaaf Argamsiiseera.

Keessatt‎uu Biyyoota Akka Raashiyaafi Itaaliitti Atileet Waldee Roobalee Faajjii Itoophiyaa Mirmirsuun Bara Atileetummaa Isaa Oolmaa Guddaa Biyyaaf Oolera.

‎Gootni Dirree Atileetiksii Maqaa Biyya Isaa Itoophiyaan Hiriiree Oolmaa Guddaa Qabu Kun Hanga Dhiyeenya Kanaa Garuu Eessa Akka Jiru Namni Quba Qabu Hin Turre.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Namoota Kaleessa Biyyaaf Oolmaa Guddaa Ooluun Har’a Achii Buuteen Isaanii Dhabame Soqee Dadhabbiin Kaleessaa Galateeffatamuu Qabaan Atileetoota Buleeyyii Yaadate Keessaa Tokko Atileet Waldee Roobaleeti.

Kanas Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Qaamolee Biroo Harki Isaanii Waa Hiixachuu Beeku Waliin Tahuun Cichoomina, Obsaafi Jabinaan Dhaabattee Maqaa Biyyaa Waan Ol Kaasteef Har’a Dagatamuu Hin Qabduun Atileet Waldee Roobaleef Birrii Miiliyoona Lama Arjoomuun Atileetichi Lafa Dagatamee Akka Waamamu Taheera.

‌‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply