“Harka arjumma Itoophiyaanotaan eega” Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

You are currently viewing “Harka arjumma Itoophiyaanotaan eega” Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

AMN PLUS- Bitootessa 06/ 2018

Sagantaan galii walitti qabuu Giddugala gargaarsa ‘Meqedooniyaa’ bakka Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen argamanitti gaggeeffamaa jira.

Pirezidaanti Taayyeen sagantaa kana irratti balaa naannoo Kibba Itoophiyaa godina Gaamootti qaqqabeen miidhaa ga’eef gadda itti dhaga’ame ibsanii, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwaniiru.

Aadaan Itoophiyaanotaa walgargaaruu fi waldeggeruu dha kan jedhan pirezidaanti Taayyeen dudha filatamaa aadaa keenya irraa maddeen akkasumas karaa qindaa’ee fi sirnawaa ta’een dhaabbilee gargaarsa kennan keessaa Maqedooniyaan tokko ta’uu ibsan.

Kanaafis harki arjummaa uummata Itoophiyaa akka diriiru gaafatan.

Mootummaan itti gaafatama hawaasummaa irra jiru ba’uuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa akka jiru eeranii, hojiin irra jireessi kan hojjetamu waldaalee tola ooltotaan ta’uu kaasaniiru.

Lammiilee kuma sagalii ol gargaaraa kan jiru Maqedooniyaa Itoophiyaanonni deggersa akka godhaniifis waamicha dhiyeessaniiru.

Namoonni Meqedooniyaa gargaaruu barbaadanis filmaatilee kanaa gadiin gumaachuu danda’u jedhameera.

Baankii :- Herrega baankota hundaatti banamee jiru 7979 fayyadamuun,

Sarara bilbilaa:- gara ergaa gabaabaa 8131tti ergaa gabaabaa erguun

Dabalataanis mooraa giddugalichaa keessatti sagantaalee akka cidha gaa’elaa, dhalootaa, cuuphaa fi yaadannoo geggeessuun akka danda’amu waamicha dhiyeessanirru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply