Sagantaa eegalchisa tajaajile neetworkii dhaloota Shannaffaa (5G) Hojii Raawwachiftuun Olaantuun Itiyootelekoom Fireehiwoot Taammiruu hojiin babal’ina tajaajila neetworkii (5G) kun tajaajila interneetii saffisa olaanaa qabu guutuu biyyaatti mirkaneessuun, guddina dinagdee fi carraawwan kalaqa haaraa banuu irratti kan xiyyeeffateedha.
Teeknooloojiin 5G kun dameewwan ijoo kanneen akka fayyaa, qonnaa, barnootaa, geejjibaa, turizimii fi bashannanaawwan adda addaa teeknooloojii ammayyeessuuf gahee olaanaa kan taphatuudha.
Dhaabbanni Itiyoo-telekoom tajaajila neetworkii dhaloota Shanaffaa (5G) magaalaa Finfinneetti akka ALA ‘tti bara 2022 kan erga yio ta’u Magaalaa Roobee dabalatee haanga ammaatti magaaloota 16tti tajaajilicha hojiirra oolcheera.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase.