Taphataan Riyaal Maadirid jalqabaa Arsenaal irratti goolii lakkoofsisu eenyu ta’a?

You are currently viewing Taphataan Riyaal Maadirid jalqabaa Arsenaal irratti goolii lakkoofsisu eenyu ta’a?

AMN PLUS-Ebila 07/2017

Riyaal Maadirid morkii Shaampiyoonsiliigii Awurooppaan hanga yoonaa kilaboota 111 injifateera.

Kilabni waliin morkatee injifachuun hafee, galchii tokkollee irratti hin lakkoofsin garuu Arsenaal qofaadha.

Kilaboonni lamaan tapha eegamaa boru gaggeessaniin dabalatee yeroo 4ffaaf walitti dhufu.

Morkii hanga yoonaa walitti dhufaniin galchii 4 Riyaal Maadirid irratti kan lakkoofsise Arsenaal Riyaal Maadirid garuu hanga yoonaa hin carroomne.

Tapha nuusa xumuraa morkii Shaampiyoonsiliigii Awurooppaa bara kanaa kilaboota lamaan walitti fide dirree isaa irratti galchii 3 fi 0’n kan injifate Arsenaal tapha deebii Beernaaboo irratti gaggeeffamu maatiin ispoortii hawwiin eega.

Loosbilaankonni muuxannoo keenya fayyadamuun qabxii kana ni jijjiirra jechuunis dhaadatu.

Taphni deebii kilaboota lamaanii boru galgala Beernaaboo irratti gaggeeffama.

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply