Taphataan Liyoonel Meesiin tufatamee ture, Meesii injifate

You are currently viewing Taphataan Liyoonel Meesiin tufatamee ture, Meesii injifate

AMN PLUS, Waxabajjii 23/2017

Vitiniyaan taphataa sarara gidduu kilaba PSG tti. Taphatichi kilaba PSG keessatti carraa Liyoonel Meesii waliin taphachuu argate ture.

Haata’uuti Meesiin taphaticha Vitiniyaadhaan ati taphataa kubbaa miilaa tahu hindandeessu, gahumsa hinqabdu jechuun qeeqee turu maddeen oduu idil addunyaa dhimma ispoortii qaaccessan gabaasaa turan.

Kaleessa ammoo Vitiniyaafi Meesiin kilaboota garaagaraaf faallaa walii hiriiruun taphatan.

Vitiniyaafi PSG’n olaantummaa taphaa waliin Meesiifi Inteermiyaamii tapha waancaa kilaboota addunyaa keessaa gaggeessaniiru.

Maarree taphataan Meesiin yeroo tahe ati gahumsa hinqabdu ittiin jedhe Vitiniyaan akka jedhame osoo hintaane akka gahumsa qabu agarsiisuun Meesii gaggeessuu miidiyaaleen idil Addunyaa dhimma ispoortii irratti xiyyeeffatan xiinxalaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply