Abbaan kalaqaa lafee beeyladaa irraa xaa’oo orgaanikii uume badhaasa Siraaraa injifateera.
Sagantaan badhaasa siraaraa qopheessummaa Baankii Hijraan hoji uumtootaafi qaamolee kennaa kalaqa addaan gidduutti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Badhaasicha Milkiyaas Ahmad (Dr.) kalaqa oomishtummaa qonnaaf faayidaa olaanaa qabuufi rakkoo hawaasaa furu irratti xiyyeeffatuu lafee beeyladaa irraa xaa’oo orgaanikii uumuun hawaasaaf gumaachuun sadarkaa 1ffaan injifachuun ibsameera.
Kalaqichaan faayinaansiingii Qardal Hasan qarshii miiliyoona 3 fi bifa kennaatiin qarshii kuma dhibba 300 badhaafameera.
Hoji uumaa Yuusuuf Alii maashina dadhabbii qonnaan bulaa hambisun midhaan sassaabuu kalaquun sadarkaa 2ffaa kan bahe yoo tahu faayinaansiingii Qardal Hasan miliyoona 1 fi birrii kuma 200 bifa kennaatiin badhaafameera.
Inkubaatara humna xiqqaadhaan hanqaaquu baay’isu uumuun sadarkaa 3ffaa bahuun kan xumure Muhammad Juhaar Faayinaansii Qardal Hasan kuma 500 fi bifa kennaan birrii kuma 100 argateera.
Kana malees Taahir Isaafi Ishaaq Galii hojii waloon akkasimas Ibraahim Alii wal duraa duubaan sadarkaa 4ffaa fi 5ffaa bahuun xumuruu baankiin Hijraa ibseera.
Sagantichirratti hooggantoota hojii mootummaa dabalatee hoggantootni Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa, Miseensootni Boordii Baankii Hijraafi keessummootni biroos argamaniru.
Tsahaay Zawudeetu gabaase