Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Itoophiyaan qopheessitu irratti Finfinnee addunyaatti beeksisuuf qophiin taasifameera jedhame

You are currently viewing Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Itoophiyaan qopheessitu irratti Finfinnee addunyaatti beeksisuuf qophiin taasifameera jedhame

‎AMN PLUS – Hagayya 15/ 2017

‎Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afriikaa 2ffaa Itoophiyaan keessummeessuuf jirtu irratti Finfinnee addunyaatti beeksisuuf qophiin gahaan taasifamuu isaa Komishiniin Tuurizimii Finfinnee beeksise.

‎Torbeen jijjiirama qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Yaa’iin jijjiirama qilleensaa Afrikaa 2ffaa fi Yaa’iin Hooggantoota Kaaribiyaanii fi Afrikaa 2ffaa Itoophiyaan keessummeessitu irratti hirmaattonni kuma 25 ol ni hirmaatu jedhamee eegama.

‎Komishinarri Komishinii Tuurizimii Finfinnee Hundee Kabbadaa yaa’iiwwan sadaniif keessummoota argaman simachuufi keessummeessuu bira darbee turtii Finfinnee keessatti taasisan dheeressuuf qophiin gahaa akka taasifame ibsaniiru.

‎Komishinar Hundeen bara 2017 qofa magaalattii keessatti taateewwan idil-addunyaa 150 ol akka gaggeeffaman yaadachiisaniiru.

‎Fakkeenyummaa gaarii Itoophiyummaa calaqqisiisu keessummootatti agarsiisuun keessummootni yaadannoo hin dagatamne fudhatanii akka deeman ciminaan hojjechaa akka jiran himaniiru.

‎Pireezidaantiin Waldaa Abbootii Qabeenyaa Hoteelota Finfinnee Asteer Solomoon sagantaaleen idil addunyaa fi ardii magaalaa guddootti gaggeeffaman guddina damichaaf carraa guddaa akka uumu ibsaniiru.

‎Pirojektoota bu’uuraalee misoomaa magaalaa Finfinnee keessatti ijaaraman hordofuun indastiriin hoteelaa guddachaa akka jiru itti dabaluun ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply