Pirojektiin Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa kan xumurame fanjii KM 200 awwaalame imala miilaan fashaleessaa ta’uu Hogganaan Pirojektichaa Injinar Kiflee Horroo himan.
Injinar Kifleen turtii AMN PLUS waliin taasisaniin, hidha haaromsaa fanjiirra tarkaanfachuun bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuun milkeessuun danda’amuu kaasan.
Rakkoowwan bulchiinsa pirojektichaa erga furamanii boodallee qormaanni alaa pirojekticha danquuf taasifaman hedduu ta’uu himan.
“Meeshaalee ijaarsaa waqtii geejjibsiisnutti, daandii KM 200 ol fagaaturra fanjii awwaalan. Fanjii kana deemsa miilaatiin fashaleessaa, meeshaalee kanneen Gubaan geenya” jedhan.
Gama biraan simmiintoon pirojektichaaf oolu eessatti oomishama jedhanii qorachuun warshaalee simmintoo pirojektichaaf oomishan irratti mancaatii geessisaa turuu himan.
Gocha badii kana kan hojjechiisu humnoota milkaa’ina pirojektichaa hin feene ta’uu kan himan Injinar Kifleen, garuu baandaa keessoo bitamaniin kana raawwatamedha jedhan.
Koontiraaktaroonni hojicharratti bobba’anis hojii gatanii akka bahaniif waadaa garagaraa seenamaafii turuullee ifoomsan.
“Pirojektichi simmintoofi dhagaa qofaan hojjetame miti, dhiigaaf dafqa lammiileetiin milkaa’es” jedhaniiru.
Kutannoon mootummaafi cichoominni Itoophiyaanotaa Pirojektii guddicha Afriikaa kana akka dhugoomsellee Injinar Kiflee Horroo ibsaniiru.
Zalaalam Boruutiin