Ayyaanni Daamaraa Masqalaa qabeenya biyyaa fi miidhagina magaalaa Finfinneeti – Aadde Adaanech Abeebee

You are currently viewing Ayyaanni Daamaraa Masqalaa qabeenya biyyaa fi miidhagina magaalaa Finfinneeti – Aadde Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Fulbaana 14/2018

Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kabaja ayyaanaa Daamaraa Masqalaa bara 2018 ilaalchisee dureewwan mana amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin mari’ataniiru.

Hojii Gaggeessaa Olaanaan Mana Lubummaa Waliigalaa Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Eebbifamoo Abunee Saawiroos, Barreessaa olaanaa Qulqulluu Siinoodoosii Eebbifamoo Abunee Diiwoosqooroos, Hoggantoota bulchiinsa magaalichaa dabalatee Phaaphaasonnii fi koreen qopheessituu Ayyaana Daamaaraa Masqalaa maricharratti hirmaataniiru.

Magaalaa Finfinneetti Ayyaanni Daamaraa Masqalaa iddoolee kuma 2 fi 375 akka kabajamuu maricharratti ka’eera.

Ayyaanichi duudhaa fi barsiifata amantichaa eegee akka kabajamu hordoftoonni amantichaa qooda irraa eegamu akka bahatan gaafatan Kantibaa Adaanech Abeebeen.

Ayyaanni Daamaaraa Masqalaa qabeenya biyyaa, miidhagina magaalaa Finfinnee fi madda hawwata Tuuristootaa ta’uu isaa hordofee walummaa , Jaalalaa fi Tokkummaan akka kabajamuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisu taasisaa jira jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply