Karoorri Niwukilaraa Itoophiyaa amansiisaa, qulqulluufi misooma waaraa anniisaaf deebii kenna – Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Karoorri Niwukilaraa Itoophiyaa amansiisaa, qulqulluufi misooma waaraa anniisaaf deebii kenna – Abiyyi Ahimad (Dr.)

‎AMN PLUS- Fulbaana 16/2018

‎Itoophiyaan teekinooloojii niwukilaraan michummaa Raashiyaa waliin qabdu cimsuun Afrikaaf fakkeenya ta’uuf qophii akka taate Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) ibsan.

Dooktar ‎Abiyyi Ahimad Foramii Torbee Atoomikii Idil-addunyaa Raashiyaatti gaggeeffamaa jirurratti argamuun haasaa taasisaniin “Itoophiyaan yeroo murteessaarratti argamti” jechuun dubbataniiru.

‎Itoophiyaan dargaggoota hojjetaniifi dandeettii qaban heddu qabaachuu ibsuun, magaalonni ammayyaawoofi indastiriiwwan guddachaa jiraachuu hubachiisaniiru. Itoophiyaan biyyoota diinagdeen isaanii saffisaan guddataa jiran keessatti kan argamtu ta’uu illee ibsaniiru.

‎Karoora misoomaa hedduu qabaachuu ibsuun, karoorri gabbisa niwukilaraa kun amansiisaa, qulqulluu fi anniisaa waaraaf deebii kennuuf kan wixinaman ta’uu kaasaniiru.

‎”Anniisaa bishaanii, aduu fi qilleensaa qofaan guddina barbaadne bira gahuu hin dandeenyu” kan jedhan MM Abiyyi Ahimad (Dr.) Itoophiyaan waggoottan kudhanii oliif misooma magariisaan dursuu himuun, Afrikaarraa Hidhaa guddaa isa ta’e “Haaromsi” kutannoo lammiilee Itoophiyaan ‘yaadamni Ida’amuu’ kan irratti mul’ate ta’uu himaniiru.

‎Itoophiyaaf Niwukilarri Anniisaa qofa akka hin taane eeruun, barattootaaf beekumsa, qonnaan bultootaaf oomishtummaa akkasumas dhukkubsattootaaf fayyina ta’uu himaniiru.

‎Anniisaa niwukilaraa of eeggannoon karoorsuu fi faayidaa irra oolchuun dandeettii biyya keessaa cimaa uumuun kaayyoo nagaaf fayyadamuuf yaadamuu eeraniiru.

‎Dabalataanis, anniisaa niwukilaaraa indastirii hubannoo nam-tolcheefi kalaqa teekinooloojiin hirmaannaa olaanaa taasisuuf kan deeggaru ta’uus dubbataniiru.

‎Itoophiyaan michummaa Raashiyaa waliin qabdu cimsuuf qophii ta’uu mirkaneessuun Waliigaltee Sagantaa Niwukilaraas Mootummaa Raashiyaa waliin mallatteeffameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply