Finfinneetti Kompileksiin Tiyaatiraafi Siniimaa Daa’immaniifi Dargaggootaa eebbifame

You are currently viewing Finfinneetti Kompileksiin Tiyaatiraafi Siniimaa Daa’immaniifi Dargaggootaa eebbifame

AMN PLUS- Fulbaana 18/2018

Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan bakka argamanitti Kompileksii Tiyaatiraaf Siniimaa Daa’immaniifi Dargaggootaa ammayyaa eebbisiisuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hojiilee misooma hojjetu keessatti Ogummaafi Aartiif xiyyeeffannaa addaa kenneera kan jedhan Kantiibaa Adaanech, waggoota muraasa darban manneen tiyaatiraa duraan turan haaromsuun, haarawas teekinooloojii ammayyaan ijaaree guddina damichaaf gumaachaa akka jiru eeran.

Kompileksiin Tiyaatiraafi Siniimaa Daa’immaniifi Dargaggootaa har’a eebbifames gamoo abbaa darbii 14, manneen siiniimaa ammayyaa 2, galma tiyaatiraa, galmoota biroo 3, hoteelaafi restoraantii, kaafteeriyaafi bakka dhaabbii konkolaataa mijaawaa akka qabu Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply