Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) wayita Naannoo Somaalee Jigjigaatti hojiiwwan misoomaa daawwatanitti, Itoophiyaan hojii misooma ashaaraa magariisaan hojjatteen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa beekamtii akka argatte ibsaniiru.
Hojiin misooma koriidarii magaalaa Jigjigaatti hojjatame bifa magaalittii sadarkaa olaanaatiin jijjiiruu isaa ibsaniiru.
Kunis, Tuurizimii “Indastirii aara maleessa” jedhamee beekamu sadarkaa biyyaatti babal’isuuf hojii eegalame ni tumsa” jedhaniiru.
Riizoortiin Shabalee Sagantaa Maaddii Biyyaaf’iin hojjatames Itoophiyaa irra darbee gahumsa biyyoota ollaaf Tajaajila kennuu akka qabu himaniiru.
Hojiiwwan misoomaa akka biyyaatti hojjatamaa jiranis itti fayyadamummaa uummataa mirkaneessaa jiraachuu eeraniiru.
Hojiin misooma Magaalaa hojjatamaa jirullee Itoophiyaa Afrikaaf fakkeenya taasisuu ibsaniiru.
Itoophiyaan misooma qamadiitiin kanaan dura beekamtii argachuu yaadachiisuun “Amma ammoo milkaa’ina misooma ashaaraa magariisaan argatteen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa beekamtii argatteetti” jedhaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin