Ji’oota lama darban qofa buna gabaa alaatti ergme irraa galii Doolaarri miiliyoona 546 argame

You are currently viewing Ji’oota lama darban qofa buna gabaa alaatti ergme irraa galii Doolaarri miiliyoona 546 argame

AMN PLUS – Fulbaana 27/2018

Itoophiyaan ji’oota lamaan darban qofa buna toonii kuma 80 ol gara biyya alaatti erguun galii Doolaara miiliyoona 546 argachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii beeksise.

Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Dooktar Addunyaa Dabalaa bara bajataa 2017tti buna toonii kuma 470 gara biyya alaatti ergame, galii Doolaara biiliyoona 2.26 argamuu yaadachiisan

Bara baajataa 2018tti buna toonii kuma 600 gara biyya alaatti erguuf karoorfamee galii Doolaara biiliyoona 3 argachuuf akka hojjatamaa jiru ibsaniiru.

Sirni qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf hojiirra oole, oomisha isaanii kallattiin gara biyyoota adda addaatti akka erganiif kan dandeessisufi galiin isaanii akka dabalu gumaacheera jedhan.

kanaan dura qorannoon qulqullina bunaa Finfinneetti gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, amma garuu qonnaan bultootatti dhiyaachaa akka jiru ibsaniiru.

Firehiwoot Biraanuutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply