‎”Dur biyya alaa ilaaleen hinaafa ture, amma Finfinneen Niwuyoorkiin taateetti”- Artiisti Qamar Yuusuf

You are currently viewing ‎”Dur biyya alaa ilaaleen hinaafa ture, amma Finfinneen Niwuyoorkiin taateetti”- Artiisti Qamar Yuusuf

‎AMN PLUS – Fulbaana 27/2018

‎Miidhaginni Finfinnee gaggeessaa dura taa’aan osoo hin taane gaggeessaa dura deemaan kan milkaa’e ta’uu Artiist Qamar Yusuuf dubbate.

“Finfinnee Ya Finfinnee” jedhee magaalaa kanaaf kan weellise, Artiist Qamar Yusuuf har’a jijjiirama ishee jecha ittiin ibsu dhaba.

Qamar turtii AMN Diijitaal waliin taasiseen Finfinneen kan qulqulloofte gaggeessaa dura taa’aadhaan otuu hin taanee gaggeessaa dura deemaan hoogganamteeti jedhe.

“Dur Finfinnee keessa namni deemuu ni sodaata, amma garuu ilmoo ofii harka qabatanii halkanuu keessa bashannanu, Finfinnee bareedduutti gadi ba’anii nagaan qe’ee ofiitti deebi’anii galu” jedhe.

‎Namni qulqulluun qulqulluuma barbaada kan jedhe Artiist Qamar Yusuuf gaggeessitoota qulquulluutu Finfinnee qulqulleesse kanaafis galatatu maalaaf jechuun dubbateera.

‎Miidhaginni magaalattii Ayyaana Irreechaan addunyaaf kan mul’ate yoo ta’u jijjiiramoota kana namoota olaantummaan raawwachiisan Ministira Muummeefi Kantiibaa Magaalaa Finfinnee galateeffateera.

‎Kabaja ayyaana Irreechaa barana Doloolloo Buddeenaatti kabajame yaroo ilaallu hunda caalaa Paarkii Irreechaa misoometti laftis boontee namnis boone jechuun dubbateera.

‎Guddinni guddina harkisa, waan bareedaa gaafa arganis waan gaarii yaadu kan jedhe Artist Qamar Yusuuf biyya keenyaarraa fuulduraattis abdii guddaa qabna jedheera.

‎DaraartuuTarreessaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply