“Akkamiin pirojektii hammi kun ganna tokkotti xumurame jedheen of gaafadhe” Dhalattuu Keeniyaa, Zeeyinabu Huseen Abdullaayii

You are currently viewing “Akkamiin pirojektii hammi kun ganna tokkotti xumurame jedheen of gaafadhe” Dhalattuu Keeniyaa, Zeeyinabu Huseen Abdullaayii

‎AMN PLUS- Fulbaana 28/2018

‎Finfinneetti akkamiin pirojektii hammi Kun ganna tokkotti xumurame jedheen of gaafadhe jechuun Keeniyaa Marsaabeet Kaawunti irraa kan dhufan Aadde Zeeyinabu Huseen Abdullaayii dubbatan.

Aadde Zeyinabuun AMN Diijitaal waliin turtii taasisaniin, ‎”Ergan dhaladhee waan akka kabaja ayyaana Irreechaa jaalalafi tokkummaa uummanni addunyaa walitti dhufee guddina biyyaa addunyaaf ibsu argee hin beeku, isatu Finfinnee akkan daawwadhu na taasise” jedhaniiru.

‎Haala pirojektii magaalattii fi keessattuu paarkii irreechaa waggaa tokko keessatti akkasitti jijjiiramee arguun biyyaattiin guddina ariitii keessa jiraachuu agarsiisa jedhaniiru.

‎Ijaarsi pirojektichaas xumuramuu qofa osoo hin taanee bareedina inni naannoo fi namaaf kennuu guddaa kan dinqisiifatamu ta’uu dubbataniiru.

‎Irreechi 2017 hirmaanne booda Irreecha 2018 yaroo dhufnu innumtuu pirojektii addaa ta’ee of jijjiiree natti mul’ate jedhaniiru.

‎Kun immoo uummanni biyyattii waliin hojjetanii waliin itti jiraachuun kun carraa guddaa fi abdii fuul duraa ta’uus eeraniiru.

“‎Nutu Finfinneedhaa gale malee waan Finfinneetti argine fudhannee gallee biyya keenya keessatti raawwanna kan jedhan Addee Zeeyinabu Huseen Abdullaayii amma asii gallee garee waliin dhufne kana waliin jijjiirama argine kana irratti ni mari’anna jedhaniiru.

‎Akkasumas jaalalaafi simannaa Finfinneen nutti agarsiifteef galatatu maalaaf jechuun, nutis Keeniyaatti Irreecha kabajuufis hawaasa ni damaqsina jechuun dubbataniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply