Inistiitiyuutichi dhaloota yaadama haaraa biyya guddisu uumuuf ga’ee guddaa qaba- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

You are currently viewing Inistiitiyuutichi dhaloota yaadama haaraa biyya guddisu uumuuf ga’ee guddaa qaba- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

AMNPLUS- Onkoloolessa 02/ 2018

Inistitiyuutiin Tekinooloojii Shaggar, cabinsa sirna Barnootaa furuun dhaloota yaadama haaraa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Inistitiyuutiin Tekinooloojii Shaggar har’a bakka Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Afa-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahimaan, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, akkasumas hooggantoota olaanoo mootummaa Federaalaa, Naannooleefi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar argamanitti eebbifameera.

Pireezidaanti Shimallis sirnicha irratti ergaa dabarsaniin, Inistitiyuutichi cabinsa barnoota keessa ture furuun dhaloota yaadama haaraan ijjiirama biyyaa itti fufsiisuu danda’umuumuuf shoora olaanaa qaba jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa cehumsa barnootaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsanii, barattootnis carraawwan Inistitiyuutichatti argatan fayyadamuun caalmaatti dorgomaa ta’uun jijjirama kalaqa Addunyaa keesdatti cimuu akka qabanis dhaamaniiru.

Haaluma kanaan qaamolee milkaa’ina Inistitiyuutichaaf tumsanis galateeffataniiru.

Walitti Qabaa Boordii Inistitiyuutii Tekinooloojii Shaggar Dooktar Biraanuu Bulchaa Inistitiyuutichi adddunyaa haaraa keessatti, yaada haaraan dhaloota haaraa uumuuf akka hojjetuu fi barnoota qabatamaa kalaqa irratti hundaa’uun rakkoo furuu danda’u dhiyeessuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Hoogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo gama isaaniin barattoota gahumsa ga’aa horatan addunyaaf gumaachuu danda’an horachuuf dhaabbata yaadama olaanaan hundaa’e ta’uu ibsanii, Mootummaan Naannoo Oromiyaas cabinsa barnootaa furuuf tarsiimoofi imaammata bocuun tarkaanfiiwwan adda addaa kaa’aa jiraachuu isaanii odeeffannoon KMN Oromiyaa ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply