• Misoomni Kooriidarii haga ammaa hojjetame hawaasa gammachiiseera, garuu bakkeewwan kooriidariin hin geenyetti hawaasni “nuuf ha dhufu” jechaa jira, maaltu yaadame?
• Daballii miindaa hojiirra oolchuuf adeemsi jiru maali?
• Finfinneen barattoota kutaa 12ffaa dabarsuun akka biyyaatti raawwii gaarii qabaattus, warren osoo hin darbin hafan ammo carraa barnoota teekiniikaa argachuu isaaniif mijeessuuf maaltu yaadame?
• Ciccitiinsa Bishaan dhugaatii magaalattii bakkeewwan tokkotti mudatu furuuf maaltu yaadame?
• Qaala’iinsa gabaa ittisuuf hojiileen hojjetamaa jiran baayyee gaarii ta’anii gabaalee Sambataa irratti gatii maxxanfameen ol kan kaffalchiisaniifi oomisha qulqullina hin qabne warren dhiyeessan irratti hordoffiin taasifamu maal fakkaata?
• Daballii Miindaa hordofee, daballii gatii sababa hin qabne ittisuuf bulchiinsi magaalichaa maal yaade?

• Hawaasni Misooma Magaalaa Finfinneetti haalaan gammadaa akka jiru marii yeroo gara garaatti taasisnerraa hubanneerra.
• Damee Aartiif xiyyeeffannoon kenname guddaadha, ammas garuu ijaarsa biyyaalessaafi seeneffama waloo ijaaruuf aartiin gahee qabu hubatamee hojiin dame Kanaan jiru maali?
• Damee Fayyaa irratti fooyya’iinsi taasifamaa jiru baayyee dansa, Dhaabbilee Fayyaa duraan turan fooyyessuufi haaraa ijaaruuf hojiiwwan eegalaman quba qabna, hata’u malee kutaalee magaalaa tokko tokkotti buufataaleen fayyaa ni barbaachisu, kana ijaarsisuuf bulchiinsi magaalaa maal yaade?
• Ayyaanni amantaafi uummataa karaa qindaa’aa ta’een milkiin darbuu isaaf Bulchiinsa Magaalichaaf galatatu mala, fuuldurattis ayyaanota addababa’ii baatiiwwan bonaatti kabajaman milkeessuuf maaltu yaadame?
• Misoomni qarqara laggeenii seenaa Finfinnee jijjiireera, Warri Finfinnee keessatti guddanne waa’ee Finfinnee ni beekna. Magaalaa osoo hin taane mandara akka feete ijaaramte fakkaatti ture, amma garuu magaala Afriikaafi addunyaa irratti dorgomtuu taateetti. Kanammoo dhaabbilee gurguddoo addunyaatu dhugaa bahaa jira. Garuu lammiileen misooma kana akka fedhan kosii itti gatan jiru, isaan kana seera ittii adabnuu fi to’annu dhaabbiidhaan maaliif hin jiraanne?
• Dhiyeessii Sheedii ilaalchisee bakka tokko tokkotti dargaggootaafi dubartootaarraa gaaffiin ni dhiyaata, isaaf deebii maaltu jira?
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gaaffilee kanneeniif deebii kan kennan ta’a.
Tagagny Bafiqaaduutiin