Fayyadamummaa uummataaf deeggarsi dabalataa birri biiliyoona 14 taasifamaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Fayyadamummaa uummataaf deeggarsi dabalataa birri biiliyoona 14 taasifamaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN Plus- Onkoloolessa 03/2018

Magaalaa Finfinneetti dameelee fayyadamummaa uummataa kallattiin mirkaneessaniif deeggarsa dabalataa birria biiliyoona 14 taasisaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.

Finfinneen misooma ilmaan namaa irratti xiyyeeffate waan geggeessituuf dhiyeessiiwwan bu’uuraa uummataaf deeggarsi dabalataa taasifamaa akka jiru himan.

Deeggarsi wabii fayyaa, sagantaa soorata, dhiyeessii oomishaalee fi kanneen biro dabalatee deeggarsi dabalataa birri biiliyoona 14 taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Kurmaana jalqabaa kanatti ayyaanota gara garaa sababeeffachuun lammiilee kuma 500f maaddiin qoodamuu himaniiru.

Oomishni daabboo walitti fufiinsaan uummataaf akka dhiyaatuuf deeggarsa dabalataa birrii biiliyeena walakkaa taasifamaa jirachuus himaniiru.

Giddu galoota gabaa gurguddaa oomisha qonnaan bulaa kallattiin shamattootaaf dhiyeesan 4 hojiitti akka seenan taasisuu ibsaniiru.

Waldaalee wajjjin tahuun oomishaaleen naannooleetii akka galan taasisuuf hamma daldaltootaafi qonnaan bultootaa wajjin mari’achuutti ga’uun hanqinni oomishaa akka hin mudatne hojjatamuu ibsaniiru.

Korporeeshiniin Daldalaa bara 2016 hojii eegales oomishaalee jiraattotni Finfinnee barbaadan garaa garaa gatii madaalawaan akka dhiyeessan taasifamuu isaa dubbataniiru.

Gabaaleen Sanbataafi Dilbataa Finfinnee bakka marattuu banaman, tibba ayyaanaa qofa osoo hin taane, yeroo biraattis gatii madaalawaan gurguruun jiraattotni akka qaala’iinsa hin malleef hin saaxilamne tarkaanfii fudhatame keessaa tokko tahuu kaasaniiru.

Kurmaana jalqabaa qofaattis tola ooltummaadhaan manneen 2,300 ijaaruuf karoorfannee manneen kuma 3400 ijaaruun 2500 dabarsineerra jedhan.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply