AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018
Tajaajilli Elektirikaa Itoophiyaa ji’oota sadan jalqaba bara 2018tti maammiltooni haaraan kumni 100 fi kumni 7 fi 191 tajaajila elektirikaa akka argatan ibseera.
Raawwiin kurmaana kanaa kan bara darbee yeroo wal fakkaataan wal bira qabamee yoo madaalamu dhibbantaa 18.3n caalmaa akka qabu odeeffannoon Tajaajilicha irraa argame ni mul’isa.
Maammiltoota haaraa tajaajila kana argachuu eegalan keessaa dhibbantaan 95.5 fayyadamtoota tajaajila boodarra kaffalamuu yoo ta’an, kanneen hafan ammoo tajaajila dura kaffalamuu warra fayyadaman ta’uu ibsameera.
Waliinga’iinsa tajaajila elektirikaa haqa qabeessa gama waliin ga’uunis magaalonni fi qe’eewwan baadiyyaa 14 fayyadamoo akka ta’an eerameera.
Amanamummaa fi qulqullina dhiyeessii humna elektirikaa fooyyessuufis hojiin sararoota raabsaa Kiiloo meetirri 957 deebisanii ijaaruu fi sararoota kiiloo meetira kuma 2 fi 151 babal’isuu fi tiraansifoormeroota turan 493 fooyyeessuun akka danda’ames ibsameera.
Dabalataanis, tiraansifoormeroota haaraa 850 dhaabamuu yoo eeramu, maammiltooni kaffaltii dijiitaalawaa raawwatan dhibbantaa 94 ol irra ga’uu ibsameera.