Biiroon Bulchiinsaa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee miseensota Raayyaa nageenyaa Raawwii olaanaa galmeessanifi beekamtiifi badhaasa kenneera.
Hooggantuun Biiroo kanaa Aadde Liidiyaa Girmaa “konfiraansiiwwan 160 fi ayyaannonni addabaabaayii kanneen akka Daamaaraa Masqalaa Fi Irreechaa nagaan adeemsifameef gumaachi miseensoota Raayyaa nageenyaa olaanaa dha” jedhan.

Hojiin Kanaan kutaalee hawaasaa waliin qindoomuun milkaa’inni guddaa argamuu eeruun, kunis nageenyaa waaraafi hojii misoomaa eegalame itti fufsisuuf akka gargaaru himaniru
Kanumaan wal qabatee, Magaalaa Finfinneetti konfiraansiifi yaa’iiwwan sadarkaa biyyaa, ardiifi idil addunyaati karaa nagaafi tasgabbiin akka adeemsifamaniif gaheen miseensota raayyaa nageenyaa olaanaa ta’uu Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaawu dubbataniiru.
Beekamtiifi badhaasni Kennamef hojii isaanii caalaatti akka hojjetanif akka isaan onnachiise miseensonni raayyaa nageenyaa AMN PLUS dubbise himaniiru.
Dirribaa Yaadataatu gabaase