AMN PLUS- Onkololeessa 14/2018
”Pirojektootni hojjetamaa jiran imalli Itoophiyaan Badhaadhina dhugoomsuuf taasisaa jirtu daandii sirriirra jiraachuu kan agarsiisanidha” jedhan Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Gamaaggama Raawwii Dinagdee Gooroo Guyyoota 100 jalqabaa bara 2018 ilaalchisee Hidha Koyishaatti Ministiroota waliin marii taasisaniiru.
Marii kanarrattis, rakkoolee uumamaa fi nam-tolchee dandamachuun abdii jijjiirama arguu fi badhaadhina arguu gonfachuun galma badhaadhinaa qabame dhugoomsuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa gaggeessummaa sirrii tahuu Ministirri Qonnaa Obbo Addisuun kaasaniiru.
”Pirojektoota yeroo qabameef keessatti qulqullinaan xumuruun aadaa ta’aa dhufeera” kan jedhan Obbo Addisuu Araggaa, kunis aadaan hojii haaraan akka uumamu taasisuu dubbataniiru.
Pirojektootni kanneen akka warshaa xaa’oo eegalamuun immoo biyya keenya gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti cehuun imala taasisaa jirtuuf galtee guddaa tahuu eeraniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin