Kantiibaan Finfinnee Adaanech Abeebee Ijaarsa Kooriidarii 9ffaa daawwatan

You are currently viewing Kantiibaan Finfinnee Adaanech Abeebee Ijaarsa Kooriidarii 9ffaa daawwatan

‎AMN PLUS – Sadaasa 30/2018

‎Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee raawwii ijaarsa pirojektii misooma kooriidarii Uraa’elii haga Biraas, Boolee Madaanaalamii haga Imbaasii Ingiliziitti jiru akkasumas Ijaarsa Paarkii Piikook (Giddugaleessaa) har’a ganama akka qoratan ibsaniiru.

‎Misoomni Kooriidarii 9ffaa marsaa 2ffaan ijaarsi babal’isuun hojjatamaafii jiru ta’uu eeruun KM 11.5 akka uwwisus ibsaniiru.

‎Pirojektiin kun bakkeewwan tajaajila uummataaf oolan hedduu akka of keessaa qabu eeruun haalli Ijaarsa isaas sadarkaa gaariirratti akka argamu himaniiru.

‎Ijaarsi Paarkii Piikook (Giddugaleessaa) kanaan dura namoota dhuunfaan seeraan ala weeraramee ture, amma garuusadarkaa idil-addunyaaf madaaluun qarqara lagaa wajjin walitti fiduun misoomaa jiraachuu kaasaniiru.

‎Kunis giddu galeessaa harkisa tuuristii Finfinnee biraa haala ta’uun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Keessumaa Yaa’iin COP 32 bakka itti adeemsifamu naannawa Istaadiyemii Aday Ababaatti Hojiileen misooma kooriidarii eegalamaniifi kanneen biroo ariitiifi qulqullinaan akka raawwataman hojiin taasisu cimee itti fufuu ibsaniiru.

‎Yaa’iin COP 32 Finfinneetti qophaa’uun maqaa gaarii biyyaa ijaaruurra darbee Daldala, Invastimantii, carraa hojii uumuu, walitti hidhamiinsa gabaafi taateewwan gurguddoo idil addunyaa biroo Itoophiyaatti akka keessumeeffaman shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru.

‎Jiraattotni Finfinnee, keessumaa hawaasni daldalaan carraa Yaa’iin kun fidee dhufu daran itti fayyadamuufi akka milkaa’uuf gamanumaan gahee isaanii akka ba’atu yaadachiisuu isaanii odeeffannoo miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti qoodaniin ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply