”Ayyaana Qillee sababeeffachuun manneen 381 meeshaa guutuu fi kennaa Ayyaana ittiin oolan gumaachineerra” jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Kanneen keessaa manneen 273 manneen gandaa kanaan dura kukkufanii turan yoo ta’an guutummaatti diigamanii akka haaraatti ijaaramuun kanneen jiraattotaaf dabarfamanii kennaman ta’uu ibsaniiru.
Manneen 108 ammoo lammiilee humna hin qabnee fi galiin isaanii gadi aanaa taheef akkasumas miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaafi Poolisii Federaalaaf oolmaa kaffalaniifi ogeessota aartiif kennamuu ibsaniiru.

Manneen kunneen bakka daa’imman itti taphataniifi tajaajiloota hawaasummaa garaa garaa akka qaban ibsanii, bakka jireenya ammayyaa tahuu dubbataniiru.
Magaalaa Finfinneetti jijjiiramaan as ilaalama namooma irratti xiyyeeffateen hirmaannaan tola ooltummaa aadaa ta’aa dhufuu kaasuun, haaluma kanaan manneen Kuma 45 qaamolee hawaasaa rakkoo hawaasummaaf saaxilamaniifi biyyaaf oolmaa oolaniif kennuun imimmaan isaanii qoorsuun akka danda’ame ibsaniiru.
Akkuma “Loomiin 50 nama tokkoof ba’aa nama 50’f garuu Faaya isaati” jedhamu hundumtuu wal tumsuun rakkoo yeroo waliin cehuun misooma waaraaf waliin ifaajna” jechuun Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniiru.
Qaamolee hojii qajeelaa kanaaf gumaacha taasisan hunda illee galateeffataniiru.