Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, “Baga Ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoos nagaan isin gahe” jedhan.
“Barana Ayyaana kana yoo kabajnu abdiin dubbatame dhaqqabuusaa, ifti jijjiiramaa mul’achuusaa fi barri cehumsaa gahuu isaa amanuudhaani” jedhan.
”Imalli keenya bu’aa ba’iidhaan kan guutame ture, gidiraawwan abdii kutachiisan keessummeessineerra” kan jedhan Kantiibaa Adaanech, qormaatni kana booda hin mudatu jechuun danda’amuu baatus jala bultiin abdiin itti dhalatu irra gahuu ibsaniiru.
Yeroon roorroo akka hin deebinetti gaggeeffamuu kan kaasan Kantiibaan Adaanech, “Barri ol ka’iinsaa akka dhufe onnee guutuun dubbachuu dandeenya” jedhaniiru
Ayyaanni kun yeroo kabajamu, mallattoo jaalalaa kan ta’e Iyyasuus Kiristoosiin fakkeenya taasifachuun kanneen rakkatan yaadachuu fi gargaaruun tahuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ayyaanichi kan jaalalaa, kan nagaafi waloo akka tahu hawwii qabanis ergaa isaaniin dabarsaniiru.