Kantiibaa Adaanech Abeebeen Ayyaana Dhaloota Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyiifi deeggarsa fedhaniif maaddii qoodan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen Ayyaana Dhaloota Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyiifi deeggarsa fedhaniif maaddii qoodan

AMN PLUS- Mudde 29/2018

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

============================

Har’a guyyaa ayyaana dhaloota fayyisaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos lammiilee rakkoo hawaasummaaf saaxilaman,maanguddoota oolmaa biyyarraa qaban,harka qalleeyyii fi lammiilee keenya namoota isaan gargaaran hin qabne waliin giddugala nyaataa “tasfaa birhaan” gullalleetti maaddii qooddachuun kabajnee jirra.

Gammachuun dhugaa kan argamu fudhachuu irra kennuu fi lammiif qooduu keessattidha. Lammiilee keenya eebba magaalaa keenyaa ta’an kanneen waliin ayyaana kabajuun nuuf kabaja guddaa fi galaa hamileeti. Guyyaa har’aas giddugaloota nyaataa 26n hundattuu sagantaan maaddii qoodachuu bifa miidhagaan gaggeeffamee jira.

Ayyaana Gaarii!

Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply