Finfinneetti Ijaarsi Pirojektii Calaltuu Dhangala’aa Guyyaatti dhangala’aa Meetir Kuubii Kuma 52 calalu eegalame

You are currently viewing Finfinneetti Ijaarsi Pirojektii Calaltuu Dhangala’aa Guyyaatti dhangala’aa Meetir Kuubii Kuma 52 calalu eegalame

AMN PLUS- Amajjii 5/2018

Magaalaa Finfinneetti Ijaarsi Pirojektii Calaltuu Dhangala’aa Guyyaatti dhangala’aa Meetir Kuubii Kuma 52 calalu eegalamuu Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise.

Daayirektarri Komunikeeshinii Abbaa Taayitichaa Sarkaalam Geetaachoo, pirojektiin Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 11’tti eegalame kun ijaarsi isaa liqaa Baankii Addunyaa irraa argameen hojjatamaa jiraachuu AMN’tti himaniiru.

Ijaarsi isaas Bara Faranjootaa 2027 Baatii Caamsaa keessa xumurama jedhamee akka eegamu ibsaniiru.

Buufatni Calaltuu Dhangala’aa kun yeroo xumuramu, jiraattota kutaalee magaalaa Eekkaa, Boolee fi Lammii Kuraa sarara dhangala’aan fayyadamoo akka taasisu Aadde Sarkaalam himaniiru.

Wandimmaagany Asaffaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply