Laggeen Magaalaa Finfinnee kanaan dura balfa namni gatuun xuraa’anii uumama isaanii gad-dhiisan misoomuun iddoo hawwataa ta’aa akka jiran Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
”Laggeen Finfinnee keessatti qabnu kanneen misoomsuun kununsinee naannoo fayyaa namaaf toluu uumuun bakka gahuumsa tuuristoota taasisaa jirra” jedhaniiru.
Kuni ammoo daawwattoota biyyaa keessaafi tuuristoota biyya alaa dabaluun madda galii guddaan akka uumamu taasisuu keessatti gumaachi isaa olaanaa akka ta’es kaasaniiru.

Itti hin fayyadamne malee madda tuuristii guddaa maallaqni alaa itti sassaabu Magaalaan Finfinnees akka qabdu kan dubbatan Kantiibaa Adaanech, “Amma faayidaa guddaa kana ija banachuun agarre” jedhaniiru.
”Magaalaan Finfinneef haaraa kan ta’e hidha bishaanii, riqaaleeniifi gamoowwan saffisaan ijaaramaa jiran hedduun hojii halkanii guyyaan milkaa’aa jiru” jedhaniiru.
Misoomni kunneen walitti hidhamuun walii waliisaaniif galtee ta’uun qabeenyi guddaan akka uumamu taasisuu kaasan.

Waa’ee hiyyummaa qofa haasa’uun rakkoo furuun akka hin danda’amne kan himan Kantiibaa Adaanech, furmaata fiduun saffisaan itti fayyadamuutu jijjiiramas ta’ee badhaadhina fiduu danda’a jedhaniiru.
”Badhaadhina fiduunis kan danda’amuu harka keenyan dadhabnee dafqinee yoo hojjennee akkasumas kuufama qabeenya keenyaa ija banannee yoo ilaallee” jedhaniiru Kantiibaa Adaanech.
Sammuu yaaduufi harkaa hojjetuun jijjiirama fiduun akka danda’amuu agarsiisuuf misoomni qarqara laggeenii Finfinnee fakkeenya ta’uu Kantiibaa Adaanech Abeebee hubachiisaniiru.
Shuumii Badhaasootu qindeesse