AMN PLUS-Amajjii 14/2018
Pirezidaantiin Mana Maree Ispoortii Lultummaa Addunyaa (CISM) Koloneel Niltoon Gomeez Roliim Filhoo, Pirezidaantiin Ispoortii Loltummaa Afrikaa Mejer Jeneraal Makiyaanoo Abdullaahii, akkasumas Barreessaa Olaanaan Mana Maree Ispoortii Waraanaa Addunyaa Shambal Robeertoo Rechiyaa hoggantoota Kilaba Ispoortii Machaal waliin ta’uun Istaadiyeemii Adey Ababaa daawwataniiru.
Koloneel Niltoon Gomeez Roliim Filhoo, istaadiyeemin kun dorgommiiwwan guguddoo adda addaa simachuu akka danda’u ibsaniiru.
Istaadiyeemichi tapha kubbaa miilaa qofaa kan qabu osoo hin taane, kuusaa daakkii bishaanii dabalatee wantoota barbaachisan adda addaa guutuu qabaachuu isaatiin, akaakuuwwan spoortii garaagaraa simachuu akka danda’us ibsaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa istaadiyeemii guddaa akkanaa kana ijaaruusaan baga gammaddan jedhaniiru. Istaadiyeemin kunis bareedaa fi dinqisiisaa ta’uu isaa Koloneel Niltoon Gomeez Roliim Filhoo dubbataniiru.

Itoophiyaan miseensa haaraa Mana Maree Spoortii Loltummaa Addunyaa ta’uu isheetiin galata kan dhiyeessan pirezidaantichi, ji’a dhufu Giriik keessatti dorgommii fiigicha qaxxaamura biyyaa taasifamu irratti atileetonni Itoophiyaa akka hirmaatanis akeekaniiru.
Hojii Raawwachiisaan Kilaba Ispoortii Machaal Birgaadar Jeneraal Nuuruu Muzayyin, gama isaaniitiin , Istaadiyeemin Adey Ababaa kan addaa ta’uu kaasuun, hoggantoonni kana daawwatanis gammachuu guddaa akka argatan dubbataniiru.
Itoophiyaan Wancaa Afrikaa bara 2028 qopheessuuf gaaffii dhiyeessitee deebii eeggaachaa akka jirtu kan himan Birgaadar Jeneraal Nuuruu Muzayyin; hoggantoonni turtii isaanii keessatti Kilabni Ispoortii Machaal damee ispoortii keessatti Itoophiyaa, Afrikaa fi addunyaaf gumaacha taasise akkasumas haala waliigalaa Itoophiyaa sirriitti hubannoo gadi fageenyaa akka argatan ibsaniiru.
Daawwannaan guyyoota sadiif hoggantootni spoortii loltummaa Afrikaa fi addunyaa taasisan milkaa’aa akka ta’es kaasaniiru.