AMN PLUS – Guraandhala 30/2018
Magaalaa Finfinneetti hojiin misooma magariisaa hojjatame kan duraanii irraa adda ta’uu irra darbee miidhaginaafi hawwatummaa magaalattii kan dabale ta’uu jiraattotni tokko tokko dubbataniiru.
Jiraataan Magaalaa Finfinnee Gammachiis Lataa, “Finfinnee ammaa kan yeroo duraaniin wal bira qabnee yoo ilaalle gama magariisummaan lafaafi samiidha jechuun ibsuuun, kanaan dura balfi garaagaraa dhibeef nama saaxilu, amma garuu misooma magariisaan miidhageefi qulqullaa’ee bakka yaada namaa haaressu ta’uu dubbateera.
Bakki kanaan dura balfi itti gatamuufi namni funyaan qabatee irraa maqee darbaa ture, har’a misoomee bakka namni aara itti galfatuufi bashannanu ta’eera kan jedhan ammoo Obbo Tasfaayee Shifarraati.
Obbo Nugusuu Warquu gama isaaniin jidduu magaalaa qofaa osoon taane qarqarri magaalaa illee misoomuun jiraattotnis aadaa naannoo isaanii qulqulleessuu gabbifachuun Finfinneen daran miidhagaa jiraachuu kaasaniiru.
Jiraattuu Finfinnee kan biroon Aadde Eebbisee Ayyaanaa, waggoota muraasa dura yeroo hoggansi magaalichaa yeroo gabaabaatti jijjiirra jechuun waadaa seenu dhugaa wantan fakkaannetu waggaa muraasatti milkaa’ee Finfinnee akkuma maqaa ishee ililli fakkeesse jechuun dubbatan.
Duraan ofiis ta’e ijoollee bashannansiisuuf baasiif saaxilamuun magaalaa biraa deemaa kan turan akka ta’e yaadachiisuun amma garuu wiirtulee bashannanaa ijaaraman keessatti ofiis ta’e ijoollee isaanii bashannansiisaa jiraachuu kaasuun kunis miira boqonnaa gaarii kan kenneef ta’uu himaniiru.

Dabalataanis, Tsaggaayee Asfaaw kanaan dura boqochuuf illee bakki jala taa’an kan hin jirre amma garuu gaaddisi qophaa’ee, qilleensa miidhagaan faayamee, suuraa bakki itti ka’aniifi bashannanan danoomee Finfinnee arguu isaatti gammaduu ibseera.
Hoggantuu Itti Aantuu Biiroo Miidhaginaa fi Misooma Magariisaa Magaalaa Finfinnee Aadde Tsahaay Geetaahun magaalattiin uwwisa magariisummaan ulaagaa magaalaan tokko qabaachuu qabuu gadi kan ture ta’uu yaadachiisu.
Magaalaan tokko yoo xiqqaate % 30 magariisa ta’uu qabaachuu pilaaniidhaan kan taa’e ta’us magaalaan Finfinnee waggoota muraasa dura sadarkaa kana irra kan hin dhaqqabne turuu ibsaniiru.
Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa sadarkaa baase irraa hanqachuun jijjiirama dura uwwisni magariisummaa magaalaa Finfinnee %2.8 qofa ture kan jedhan Aadde Tsahaay, yeroo ammaa % 22 ga’uu ibsaniiru.
Kana irraa kan ka’es jijjiiramni qilleensaa magaalichaa dabaluu kaasuun, aarri konkolaattota boba’aa fayyadaman keessaa ba’us sababaa biqiltootaan harkifamuuf hubaatiin dhaqqabsiisaa ture hir’isuu ibsan. Akkasumas, fayyaa namaafi miidhaginaaf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru.
Hoogganaan Itti Aanaa Korporeeshinii Bulchiinsa Bakkeewwan Bashannanaa Uummata Magaalaa Finfinnee Obbo Wasan Magraa gama isaaniin, “giddugalootni bashannanaa magaalicha keessa jiran kan misooman hin turre” jechuun hawwatummaa guutuu illee kan hin qabne turuu yaadachiisan.
Dabalataanis, “bakkeewwan bashannanaa kunneen magariisummaa kan qabanis ta’u daa’immaniif, maanguddootaafi dargaggootaaf kan mijatan hin turre” jedhaniiru.
Hojiin misooma koriidariifiwiirtuuwwan bashannanaa hojjataman kunneen carraa hojii hedduu uumuu ibsuun, bifti magaalaa Finfinnee jijjiiramuun simboo qabaachuu irra kan darbe diinagdee illee utaabaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Baatiiwwan jahan darbaniitti qofa namoota bakkeewwan bashannanaatti tajaajila kennan irraa galiin Birrrii Miliyoona 100 fi Miliyoona 63 ol argamuu itti dabaluun ibsaniiru.
Hojiin paarkiiwwan irratti hojjatames bakka dargaggootniifi shamarran ispoortii itti hojjatan, daa’imman itti taphatan, ga’eessotni itti bashannanan kan qabu akkasumas qaama miidhamtootaafis yaadamee kan hojjatame waan ta’eef hundumaa kan hammatu ta’uu kaasan.
Aadaa hojii fooyya’aa 24/7’n saffisniifi qulqullinni dabaluu kan eeran Obbo Wasan, kunis dorgomtummaa gama maraa Finfinnee kan ol kaasu ta’uu ibsaniiru.
Jiraattotni bu’uuraalee misoomaafi bakkeewwan bashannanaa uummataa kanneenitti yoo fayyadaman eegumsa taasisuufi kunuunsuun dhalootaaf akka dabarsan ergaa dhaamaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin