AMN PLUS- Amajjii 16/2018
Gareen Sarkasii Truuppi Kolfee Festivaala Sarkasii Idil addunyaa Faransaay, Monaakoo Moontee Kaarloo irratti yeroo 48ffaaf adeemsifame medaaliyaa Meetii injifateera.
Gareen Sarkasii Truuppi Kolfee kun maanejarummaa Yaneenah Tasfaayeetiin durfamuun akkasumas Leenjisaa Kibroom Waldaamaanu’eeliin injifannoo kanaaf kan qaqqabe yoo ta’u injifannoon inni argate Itoophiyaafi Afrikaa kan boonse ta’uu Ministeerri Aadaa fi Tuurizimii beeksiseera.
Fesstivaalli Moontee Kaarloo kun sadarkaa addunyaatti isa guddicha, hangafaa fi artistootni bebbeekamoon kan irratti hirmaatan ta’uu ibsameera.
Injifanoo galmaa’eef Ministeerichi maanejara garree Sarkasii Truuppi, Yeneenah Tasfaayee (Biixxaa) fi garee isaanii akkasumas kanneen qooda fudhatan hunda galateeffateera.