Kantiibaa Adaanech Abeebeen gamoofi mankuusaa kuduraa, muduraa fi bu’aalee beeyladaa ammayyaa eebbisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen gamoofi mankuusaa kuduraa, muduraa fi bu’aalee beeyladaa ammayyaa eebbisan

AMN PLUS –Amajjii 19/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ministira Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa Kaasahun Goofee (Dr.) waliin gamoofi mankuusaa kuduraa, muduraa fi bu’aalee beeyladaa ammayyaa Koorporeeshinii Hojiilee Daldalaa Itoophiyaatiin ijaarame eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisan..

Mankuusaan oomishaalee qabbaneessuun yeroo dheeraaf tursu kun lafa karee meetira kuma 11fi 400 irra buufate kun Itoophiyaarraa guddinaan isa jalqabaati.

Mankuusaan kun qisaasama oomishaalee hambisuun, gabaas tasgabbeessuun, oomishni qonnaan bulaa qabiyyee uumamasaa osoo hin gadhiisin fayyadamaa bira akka gahuufi gabaa alaaf akka dhiyaatu dandeessisa jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Fayyadamaanis gatii madaalawaan oomishaalee qonnaa kallattiin argachuu dandeessisa, fayyadamummaa qonnaan bulaas akka mirkaneessuufi cancala gabaa gabaabsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Fayyadamaanis gatii madaalawaan oomishaalee qonnaa kallattiin argachuu dandeessisa, fayyadamummaa qonnaan bulaas akka mirkaneessuufi cancala gabaa gabaabsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee pirojektiin kun dorgomummaa fi qulqullina oomishaalee qonnaaf gahee olaanaa qabaachuu hubachuun lafa ijaarsaa kennuurraa kaasee deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufus himan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply