Hayyuun Gadaa Pirofeesar Asmiroom Laggasaa du’aan addunyaa kanarraa boqotan

You are currently viewing Hayyuun Gadaa Pirofeesar Asmiroom Laggasaa du’aan addunyaa kanarraa boqotan

AMN PLUS- Amajjii 27/2018

Hayyuun sirna gadaa Pirofeesar Asmiroom Laggasaan du’aan addunyaa kana irraa boqochuun dhaga’ame.

Hojiilee qorannoo garaa garaa yeroo yeroon kan ifoomsaa turanii fi kitaabota sirna Gadaa irratti xiyyeeffatan barreessaa kan turan Pirofeesar Asmiroom Laggasaan du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Sirni Gadaa akka eeggamuufi kunuunfamuuf shoora jabaa kan bahatan Pirofeessar Asmiroom, jireenya isaanii guutuu sirni Gadaa akka beekamuufi leellifamuuf falaasama sirnichaa Og-barruun kuusaa turuu seenaan isaanii ni agarsiisa.

Pirofeesar Asmiroom Laggasaan Sirna bulchiinsa Dimookiraasummaa qabu, Gadaa hundeesaarraa qorachuun kabaja sabi Oromoo argachuu qabuuf nama ifaajee fi walumaagalatti kabaji namoomaa gatii akka qabaatuuf kan dhama’an hayyuu jabaa turan.

Du’aan boqochuu Hayyuu Gadaa Pirofeesar Asimaroom hordofee, Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa, hayyootnii fi qaamoleen hawaasaa garaa garaa gadda itti dhaga’ame ibsaa jiru.

Madda: Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply