Finfinneetti baatiwwan jahan darban galiin birrii biiliyoona 162 ol sassaabameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneetti baatiwwan jahan darban galiin birrii biiliyoona 162 ol sassaabameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Amajjii 29/2018

Magaalaa Finfinneetti walakkaa waggaa bara 2018tti galiin birrii biiliyoona 100fi biiliyoona 62.7 ol sassaabamuu Kantiibaa Adaanech Abeebeen himan.

Aadde Adaanech gabaasa raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii Yaa’ii Idilee 2ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessan irratti kaffaltootni gibiraa magaalaa Finfinnee %95 gibira yeroon kaffaluu himaniiru.

Galiin baranaa kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin yeroo wal bira qabamu caalmaa birrii biiliyoona 51.12 akka dabale himuun guddina %45.8 akka qabus eeraniiru.

Finfinneen galii sassaabamu sirnaan bulchuun misooma waaraa irra oolchuun magaalota Afriikaa 6 waliin dorgomtee 1ffaa ta’uun muuxannooshee qooduu yaadachiisaniiru.

Sirna sassaabbii galii teekinooloojiin deeggaruuf hojii hojjetameen, iftoominni hojimaataa uumamaa kan jiru yoo ta’u kaameeraawwan suur-sagalee fi bakka hojii to’atu hojiirra oolu eeran.

Hordoffii manaa manatti, mankuusaafi guyyaafi halkan kaameeraan taasifameen dhaabbileen oomisha biyya alaatii galchuun nagahee osoo hin kutin raabsan 7,678 irratti tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru.

Konkolaattonni oomisha nagaheen itti hin kutamne fe’anii socho’an 2,261 to’atamuun adabamaniiru jedhaniiru.

Sirna iftoominaa diriirsuu fi komii kaffaltoota gibiraa yeroon furuuf Waajjira Kantiibaarraa eegalee koreen addaa dhaabbatee keessummeessaa jiraachuus ibsaniiru.

Hojjettoota galii hojimaata badaafi kenniinsa tajaajilaan walqabatee kaffalaa gibiraa rakkisaa turan 282 irratti tarkaanfii bulchiinsaarraa kaasee haga tarkaanfii seeraatti fudhatamuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru

Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply