Oomisha indastirii biyya alaatti erguun doolaarri Miliyoona 123 ol akka argame ibsame

You are currently viewing Oomisha indastirii biyya alaatti erguun doolaarri Miliyoona 123 ol akka argame ibsame

‎AMN PLUS- Amajjii 29/2018

Oomisha indastirii toonii Miliyoona 16 fi 600 ol biyya alaatti erguun galii doolaara Miliyoona 100 fi Miliyoona 23 caalu argamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

‎Kantiibaa Adaanech Abeebee Yaa’ii Idilee 2ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee adeemsifamaa jiru irratti argamuun raawwii karoora hojii ji’oota jahan darbanii dhiyeessaa jiru.

‎Gama walitti hidhamiinsa gabaa Intarpiraayizootaa fi indastiriiwwan oomishaa xixiqqoo uumuutiin hojii hojjatameen intarpiraayizootni Kuma 9 fi 116 sochoostota Kuma 50 fi 631 qabaniif walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu isaa kaasaniiru.

‎Haaluma kanaan walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaa irraa Birrii Biliyoonootan lakkaa’aman argamuu isaa ibsaniiru.

‎Nageenyaa fi oomishtummaa Indastirii cimsuuf hojiiwwan dhimma hojjataa fi hojjechiisaa deggeruun Waldaa hojjachiisaa tokkoo fi waldaalee hojjataa 28 gurmeessuun beekamtii kennuun akka danda’ame gabaasa raawwii hojii baatii jahaa kanaan dhiyeessaniiru.

‎Sagantaa Biyyaalessaa “Itoophiyaan haa oomishtu” jedhuun Indastiriiwwan oomishaa Xixiqqaa fi gurguddaa 305 ta’anif fayyadamtoota Liizii Meeshaa taasisuuf karoorfamee olitti Indastiriiwwan oomishaa 340 fayyadamtoota taasisuu isanis ibsaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech gabaasa isaaniin Indastiriiwwan Maanufaakichariingii gahumsa oomishaa isaanii guddisuuf hojii hojjatameen %66.62 irraa gara %71tti guddisuuf karoorfamee gara % 69.09tti guddisuun akka danda’ames dubbataniiru.

‎Indastiriiwwan Oomishaa duraan turan cimsuun oomishtoota galii tarsiimawaa kanneen oomishan 232 horachuuf karoorfamee olitti Indastiriiwwan oomishaa 238 horachuun akka danda’ames kaasaniiru.

‎Akkasumas, Indastiriiwwan Kuma 2 fi 92’f deeggersaa fi hordoffii taasisuun rakkoowwan isaanii furamanii gahumsa guutuu isaaniin akka oomishan taasisuu akka danda’ames himaniiru.

‎Indastiriiwwan biyya keessatti oomishuun oomisha alaa bakka bu’u danda’an uumuun sharafa Alaa doolara Miliyoona Dhibba 9 fi Miliyoona 38.9 oolchuuf karoorfamee keessaa baasii doolaara Miliyoona 800 caalu oolchuun akka danda’ame gabaasa isaaniin hubachiisaniiru.

Oomishni indastirii Toonii Miliyoona 7.7 oomishuuf karoorfamee keessaa oomisha Toonii Miliyoona 7.4 oomishuun oomishaalee gara biyya keessaatti seenan asumatti oomishuun akka oomisha alaa bakka bu’aan taasisuun akka danda’ames ibsaniiru.

‎Walitti hidhamiinsa gabaa Alaa uumuun oomisha Toonii Kuma 16 fi 635 gara biyya alaatti erguun sharafa Alaa doolara Miliyoona 100 fi Miliyoona 23 ol argamsiisuun akka danda’ame Kantiibaa Adaanech, wayita gabaasa raawwii baatiiwwan jahaa bara 2018 dhiyeessanitti ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply