AMN PLUS- Amajjii 29/2018
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee baatiiwwan Jahan darbanitti hojiiwwan misoomaa garaa garaa tilmaamni isaanii Birrii Biliyoona 15 caalu hojjatamuu, Kantiibaa Adaanech Abeebee beeksisan.
Kantiibaa Adaanech wayita gabaasa raawwii hojii baatiiwwan 6’n darbanii miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessanitti tola ooltummaa fi hirmaannaa uummataan milkaa’inoota argaman ifoomsaniiru.
Kanaanis, Tajaajila tola ooltummaan hojiileen misoomaa birrii biliyoona 13.1 ol, hirmaannaa uummataan ammo birrii biliyoona 2.2 ol, walumaa galatti, birriin biliyoona 15.3 walitti qabamuun tajaajilaaf ooluu beeksisaniiru.

Gama biraan, Finfinneen Pilaanii Ispaashaaliin akka hoogganamtu hojii eegalameen, dizaayinootni haaraan dhaabbilee shanii lafa heektaara Hektaara 49.6 uwwisan guutummaatti ragga’uun qophiin taasifamuu kaasaniru.
Kutaalee Bulchiinsa Magaalaa hundatti qoorannoon wiirtulee aanaa 36 lafa hektaara 118.6 haguugan yoo xumuramu, qorannoon misooma qarqara laggeenii Kiiloo Meetira 151.8 ta’us akkasuma xumuramuu ibsaniiru.
Caaseffama Pilaanii 11ffaaf hojiin boqonnaa qophii xumuramuu kan eeran Kantiibaan, raawwiin isaa kan karoorfamee ture %17.5 gara %17tti akka siqu taasisuun milkaa’ina raawwii % 97 irraan ga’uun akka danda’ame gabaasa raawwii baatii 6 irratti dhiyeessaniiru.
Yeroo ammaa qorannoowwan garaa garaa lafa hektaara Kuma Tokkoo fi 33 ol misoomsuu dandeessisan qaamolee qooda fudhattoota garaa garaa waliin ta’uun qorannoowwan garaa garaa taasifamaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee miseensota Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e