AMN PLUS – Amajjii 29/2018
Humna poolisii magaalaa ijaaruuf hojiiwwan haaromsaa gurguddaan hojjetamaa jiraachuu Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw ibsan.
Komishinar Geetuun gaaffilee miseensota Mana Maree Finfinnee irraa ka’aniif deebii kennaniin, hojiin ijaarsa poolisii itti fufiinsaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akkasumas, hojiin miseensota qulqulleessuu itti fufiinsaan hojjetamaa jiraachuu kan himan Komishinarichi, “kanneen rakkoo qaban sirreessuu fi leenjii ijaarsa dandeettii kennuudhaan gahumsa isaanii cimsuufis hojjetamaa jira” jedhan.
Miseensota rakkoo naamusaa cimaa keessa jiran, carraa sirreeffamuu argatanii kan hin naamusaan hin fooyyofne, uummata naamusaan tajaajiluu kan hin dandeenyee fi dirqama isaanii kan hin baane irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Miseensonni Poolisii hanqina naamusaa fi sarbama mirga namoomaa raawwatan 104 hojiirraa kan gaggeeffaman ta’uu Komishinar Geetuu Argaw himaniiru.
Hojiin sirreeffamaa fi ijaarsa dandeettii kun cimee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.
Daraartuu Tarreessaatu qindeesse